Finfinnee, Sadaasa 28, 2024 – Hir’ina boba’aa naannoo Amaaraa keessatti mudateen walqabatee qajeelfama baheen konkolaachiftoonni torbanitti altokko qofa boba’aa akka guuttatan qajeelfamni bahuu himame.
Jiraataa Baahirdaar Tomaas Gabramaariyaam tokko afgaaffii Addis Standard waliin taasiseen akka himetti, gabaan seeraan alaafi gabaan gurraachaa boba’aa argachuun rakkisaadha.
“Buufata boba’aatii boba’aa argachuun garmalee rakkisaa ta’eera. Takka guuttattee booda guyyaa biraa guuttachuuf yeroo dheeraa turuu qabda,” Toomaas jedheera.
“Gabaa gurraachaatti gatiin boba’aa liitirii tokko hanga birria 225’tti gurguramaa jiraachuu himeera. Hiriira biraa darbitee boba’aa guuttachuuf immoo birrii 1,000 laachuu qabda,” dabalee jedheera.
Rakkoon boba’aa kuni konkolaachiftoonni yeroo bal’aa boba’aa barbaachatti akka qisaasan taasisuu eereera.
Konkolaachisaa magaala Gondar kan maqaansaa akka hin eeramne gaafate akka jedhetti, boba’aa argachuun rakkisaadha. Litiriin tokko hanga birrii 220 gabaa gurraachaatti gurguramaa jiraachuu dubbateera.
“Buufata boba’aa gahuuf yeroo dheeraa eeguu qabda. Kana malees, erga achi geessee booda hojjattonni hojii dhaabuun sitti himamuu danda’a,” jechuun haalli kuni jireenyasaaniirratti dhiibbaa uumuu huimeera.
Magaala Dabra Birhaan keessa rakkoon walfakkaataan jiraachuu jiraattonni himan.
Jiraataa magaala Baahir Daar Antanee Ayyalee (maqaan jijjiirame) hir’inni boba’aa mudateen walqabatee gatiin geejjibaa daran dabaluu himeera.
“Lafa dheerina gabaabaa kanaan dura birrii 10 kaffalle imalaa turre yeroo ammaa baajajonni hanga birrii 15 kaffalsiisaa jiru. Kunimmoo hir’ina boba’aa magaalattii keessatti mudateen walqabata,” jedheera.
Antanaan konkolaataa fe’aa kan qabu yoo ta’u sababa rakkoo boba’aatiin hojii dhaabuu hima. Qajeelfama haaraa hojiirra ooleen walqlabatee konkolaachiftoonni boba’aa fe’anii geejibuu hin danda’an. Namni kana raawwatee argame ni hidhama,” jedheera.
“Liitirii tokkoof hanga birrii 200 kaffalaa jirra. Boba’aa argachuuf hojjattoota buufata boba’aatiif maallaqa kaffalaa jirra,” dabalee jedheera.
Biiroon daldala naannoo Amaaraa, gamasaatiin, ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen rakkoon boba’aa jiraachuu amanuun tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibseera.
Naannichi, ibsa baaseen, boba’aan gara biyyaa galfamuu kan 75% ta’u sababa waraana Sudaaniin danqamuu ifoomseera. Rakkoo mudate furuuf tarkaanfii fudhachaa jiraachuu eereera.
Itti aanaa biirichaa kan ta’e Faantaahun Faxxanee akka jedhetti, taaksiifi baasiin torbanitti si’a tokko qofa akka guuttatan taasifameera.
Daldalli boba’aa seeraan alaa gaggeeffamaa jiraachuu eeruun boba’aan liitirii 135,507 seeraan ala geejjibamaa ture too’atamuu Faantaahuun himeera. Namoota daldala seeraan alaa raawwataa argaman eeyyamni daldalaasaanii kan haqamu ta’uu Faantaahun eereera.
Naannoo Sidaamaatti rakkoon hir’ina boba’aa walfakkaataan mudachuu Addis standard gabaasuun ni yaadatama. Sababa kanaan boba’aan liitirii tokko hanga birrii 160tti gurguramaa turuu konkolaachiftoonni himanii ture.
Hogganaan biiroo daldalaa naannoo Sidaamaa, gamasaatiin, rakkoon jiraachuu amanuun buufataalee magaala Sidaamaa keessatti argaman 20 ta’an keessaa tajaajila kan kennan sadii yookiin afur kan hin caalle ta’uu himeera. Rakkoo kana furuuf daldala boba’aa halkanii ugguruu biirichi beeksisee ture.
Ministeerri ministeera daldalaa Kaasaahun Goofee marii paarlaamaa waliin taasiseen hir’inni dhiyeessii jiraachuu ibsuun daldalli seeraan alaa hir’ina kana hammeessuu dubbateera.
Rakkoo daldala seeeraan alaa dhaabsisuuf dhaabbileen daldala boba’aarratti hirmaatan gochaa seeraan alaa kanatti hirmaatan “adabbii cimaadhaan” akka adabaman Kaasaahun eereera.
Dura teessuun koree dhimma kana too’atuu Aashaa Yaahyaa malaammaltummaafi daldala seeraan alaa too’achuuf wixinee labsii haaraa qopheessuun barbaachisaa ta’uu Sadaasa 25, 2024 himteerti.
Akkaataa wixinee labsii haaraa kanaatti namoonni seeraan ala boba’aa kuusaniifi gurguran adabbii qabeenyi dhaalamuu, hidhaa hanga waggaa sadiifi adabbii birrii 50,000 hanga 100,000 akka ta’u labsameera. AS