
Finfinnee Amajjii 30, 2025 – Fandiin Maallaqa Addunyaa (IMF) riifoormii gibiraa Itoophiyaa akka deeggaru ibsuun qaala’iinsi jireenyaa %25tti ol guddachuu akka danda’u tilmaameera.
Haaromsi gibiraa galii guddisuuf kaayyeffate kuni rakkoo gibira dhaabbilee cufuuf oola jedhame. Riifoormiin gibiraa kuni galii guddisuu keessatti bu’aa akka qabu IMF ibseera.
Gabaasa Amajjii 25, 2025 baaseen, mootummaan Itoophiyaa qajeelfama meeshaalee deeggarsa gibiraa meeshaalee alaa galaniif taasisu akka dhaabuu ibsee ture. Jijjiirama kana hojiirra oolchuuf sirna gibiraa jiru gulaalaa jiraachuu ifoomseera.
Akka IMFtti, deeggarsi gibiraa konolaattota galii argamsiisaniif taasifamu bara 2025/26 kan dhaabbatu ta’a.
Kana malees, mootummaan deeggarsa gibira galii dhuunfaatiif taasifamu xiqqeessuun kisaaraa hir’isuuf karoorfachuun ibsameera.
Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee dhaabbata Breetan Woods waliin taasifameen walqabatee jijjiiirama diinagdee guddaa taasisaa jira. Akkaataa waliiigaltee kanaatiin, Itoophiyaan liqii maallaqa alaa kan argattu ta’a.
Boordiin hojigaggeessa IMF liqii wagga afuriii akka argattu Waxabajjii 2024 keessa ajandaaa riifoormii diinagdee magariisaa deeggaruuf raggaasisee ture. Mootummaan Itoophiyaa sharafa alaa gabaa bilisaa akka ta’uus murtee dabarsuun ni yaadatama.
IMF gamaaggama isaa lammataa Guraandhala 17, 2025 taasiseen Itoophiyaa doolaara biiliyoona 3.4 liqeesssuuf murteessuu beeksisuun doolaara miiliyoona 248 eeyyameera. Raggaasifamuun kun baasii waliigalaa saganticha jalatti baafame doolaara biiliyoona 1.611tti ol guddiseera.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen labsii baajata bara bajataa kanatti ji’a Waxabajjii 2024 paarlamaaf yeroo dhiyeessan mootummaan gosoota gibiraa haaraa eegaluufi bu’uura gibiraa babal’isuuf qophaa’aa akka jiru beeksiseera. Tarkaanfiiwwan kunneenis seera gibira gatii dabalataa (VAT) fi gibira eksaayizii amma jiru irratti fooyya’iinsa gochuu, akkasumas gibira haaraa kan akka gibira qabeenyaafi gibira naannoo hojiirra oolchuu kan dabalatuudha.
Pireezidaanti Taayyee Atsqe-Sillaasee haasaa eebbaa yaa’ii waloo kanarratti taasisaniin, “kaayyoowwan ijoon mootummaan bara baajataa kanatti qabu galii mootummaa gara birrii tiriliyoona 1.5tti ol guddisuudha” jedhaniiru.
Haa ta’u malee, haaromsi gibiraa kun seera baastoota dabalatee mormii mudateera. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa torban lama dura wixinee Labsii Gibira Qabeenyaa yeroo raggaasise-lafa magaalaa, fooyya’iinsa lafaafi gamoo irratti gibira haaraa kaa’u miseensonni Paarlamaa dhiibbaa maallaqaa galii dhaabbataafi siiviilii mudachuu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.
Dhiheenya kana mootummaan bara baajataa 2024/25 walakkaa jalqabaatti Birrii biiliyoona 451 ol walitti qabuu isaa beeksisee ture. Akka Ministirri Galiiwwanii Aynaalam Nuguseee jedhanitti, raawwiin waliigalaa kan bara darbee kan yeroo walfakkaataa Birrii biiliyoona 106.7 caalee %110 dabaleera.
Sirni gibiraa kuni harki caalaan namoota dhuunfaa galii xiqqaa qaban, keessumaa jiraattota magaalaa fi hojjettoota mootummaa irratti kan kaffalamu waan ta’eef ” jechuun yaada kennaniiru. ”Kutaa hawaasaa kana garmalee akka miidhu himaniiru.
Haaromsi dinagdee Itoophiyaan galii mootummaa guddisuu fi qormaata dinagdee gurguddaa furuuf kan qophaa’e, maatii galii gadi aanaa qaban irratti dhiibbaa guddaa akka geessisu Addis standard gabaasee ture.
Akka barreeffamichaatti tarkaanfiiwwan dinagdee kanneen akka taarifa humna ibsaa olka’uu, seera gibiraa fooyya’uu fi kaffaltiin tajaajilaa dabaluun maatii hedduu daran dhiphiseera. Mootummaan tarkaanfiiwwan qaala’iinsa jireenyaa to’achuu fi mindaa damee mootummaa sirreessuuf fudhataman hojiirra kan oolche yoo ta’u, haaromsi kun gareewwan galii gadi aanaa qabaniif ba’aa akka ta’es ogeeyyiin akeekkachiisu.
IMF gabaasa biyyaa dhiheenya kana baaseen, qaala’iinsi jireenyaa walakkeessaafi dhuma bara 2025 gidduutti tilmaamaan %25 akka olka’u tilmaamameera, bara 2028tti sadarkaa dijiitii tokkootti osoo hin gadi bu’iin dura akka ta’e akeekkachiiseera.
Istaatistiksii ofiisaa akka agarsiisutti qaala’iinsi jireenyaa mata duree Adoolessa bara 2024 gara %17tti gadi bu’eera, kunis ji’a Adoolessaa keessa %19 ture, qaala’iinsi jireenyaa nyaataafi nyaata ala ta’e irrattis hir’inni mul’ateera.
“Haalli hawaas-dinagdee qormaata ta’ee itti fufee jira, qaala’iinsa jireenyaa olaanaa, naannolee tokko tokko keessatti wabii nyaataa dhabuu, waliti bu’iinsi itti fufee jiruu fi buqqa’iinsa namoota miliyoonaan lakkaa’aman miidhuun kan beekamudha,” jechuun IMF ibseera.
Gabaasni kun itti dabaluudhaan, “Balaawwan ijoo gadi bu’iinsaa qaala’iinsa jireenyaa ykn hir’ina gatii itti fufiinsaan eegamu, yaaddoo nageenyaa yookiin jeequmsa hawaasummaa, kufaatii imaammataafi daballii gatii meeshaalee kan dabalatuudha” jedheera. IMF too’annoo cimsuuniiifi sirreeffamni dinagdee sochii dinagdee yeroo dhiyootti danquu akka danda’u eeruun haaromsi imaammataa kuni garuu yeroo dheerraatti qaala’iinsa jireenyaa salphisuun “guddina diinagdee saffisiisuu ni deeggara” jedhamee eegama. AS