ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaafi Somaaliyaan “waldhabdee gidduusaaniittii guddachaa jiru” akka qabbaneessan Gamtaan Afrikaa gaafate

Finfinnee, Amajjii 04, 2023  – Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Muussaa Muhaammat Faakii waliigaltee Itoophiyaafi “naannoo Somaaliyaa kan Somaaliilaand jedhamtu” gidduutti mallattaa’e hordofuun waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti “guddachaa jiru” qabbaneessuun waldhabdee uumame mariidhaan akka furan gaafate.

Waliigaltee wal hubannaa Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallattaa’e kan “fudhatama hin qabne” ta’uu Somaaliyaan ibsiteerti.

Biyyoonni lameen dhimma keessoo isaanii keessa galuu dhiisanii daaangaa, tokkummaafi birmadummaa walii isaanii kabajuun hariiroo biyyoota lamaan gidduufi nageenya Gaanfa Afrikaa akka tiksan gaafateera.

Biyyoonni lameen rakkoo jiru karaa nagaatiin furuuf “oolee osoo hin bulin” marii  akka eegalan gaafateera. Biyyoonni Afrikaa rakkoo isaan gidduutti uumamu ofiisaaniitiif karaa nagaatiin akka furatan ijjannoo jedhu kan qabu ta’uu addeesseera. AS

Related Articles

Back to top button