ODUU

Oduu: Itoophiyaan gurgurtaa Kaarboonii irraa miliyoona $100 argachuuf karoorfatte

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2023 – Itoophiyaan hanga bara 2030tti gurgurtaa Kaarboonii irraa miliyoona $100 argachuuf karoorfachuu ministeerri misooma bosonaa beeksise.

Galiin kuni kan argamu kafaltii dhaabbileen idiladdunyaa qisaasa’ina Kaarboonii hir’isuuf godhaniifi galii gurgurtaa Kaarboonii irraa argamuun ta’uu ministeera bosonaatti hogganaa sagantaa ‘Reed Plaas’ Yitabbituu Mogas wabeeffachuun dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa gabaaseera.

Gargaarsa Baankii Addunyaa fi biyyoota akka Noorweey irraa argamen Ittophiyaan waggoota kurnan darban keessa misooma bosonaa irraa miliyoona $150 argachuu Yitabbituun himeera.

Biiroo misooma bosonaa Oromiyaa million EURO40 eegumsa bosonaatiif oolu Baankii addunyaa irraa argachuun ni yaadatama.

Gurgurtaan Kaarboonii misooma bosonaa yeroo dheeraa kan gaafatu haa ta’u malee akkuma omishoota biroo gurgurtaaf dhiyaachuun galii kan argamsiisu ta’uu eerameera.

Galii argamuu guddisuuf naannoo Ummatoota Kibba Lixaatti lafti heektaarri

1000,000,000 misoomfaa jiraachuu ibsameera.

Giddugala Kaarbonii Biyyaalessaa hundeessuun ogeeyyii biyya keessaa alaa hirmaachisuun osoo hojjattee galii doolaara biliyoonootaan tilmaamamu kan argattu ta’uu ibsichi eereera. AS

Related Articles

Back to top button