ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan marii jila Somaaliyaa waliin taasifte booda waliigaltee Ankaaraa "guutumaan guututti hojiirra oolchuuf" waadaa galte

Finfinnee, Muddee 24, 2024 – Ministeeri dhimma Alaa Itoophiyaa Waliigaltee Somaaliyaa waliin Ankaaraatti mallatteessite “guutumaan guututti hojiirra oolchuuf” waadaa galuu ibsite.

Ministeerichi kaan kan jedhe, marii ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa jila Somaaliyaa Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Alii Omar durfamu waliin marii Finfinneettti marii taasisuu hordofeeti.


Jilli Somaaliyaa Mudde 23, 2024 Finfinnee galee ture Ambaasaaddar Misgaanuun durfamu waliin mari’ateera. Miidiyaaleen mootummaa akka gabaasanitti mariin kun “hariirooItoophiyaa fi Somaaliyaa cimsuu” fi karaalee Waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.


Ambaasaaddar Misgaanuun daawwannaan kun Waliigalteen Ankaaraa erga mallattaa’ee booda daawwannaa hojii aanga’oonni Somaaliyaa taaasisan isa jalqabaa ta’uu himeera.


Labsiin giddugaltummaa Pirezidaantii Turkii Reesiip Tayiib Erdoogaaniin Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmadii fi Pirezedaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammad gidduutti Ankaaraatti mallattaa’e kun, “abbaa biyyummaa, tokkummaa, walabummaafi nageenya naannoo walii kabajuufi kutannoo waliif qabaachuu” irra deebi’een kan mirkaneesse ta’uu ibsameera.


Marii kana irratti biyyoonni lamaan “waliigalticha milkaa’inaan hojiirra oolchuufi walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf marii isaanii itti fufiinsaan gaggeessuuf kutannoo qaban ibsaniiru,” jechuun miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.


Ambaasaaddar Misgaanuun, “Nageenyi Somaaliyaa Itoophiyaaf nagaa dha,” jechuun nagaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, shororkeessummaa ittisuuf, tasgabbii eeguuf tumsi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.


Alii Omar, gamasaatiin, marichi “bu’a-qabeessa” ta’uu ibsuun, tumsa Itoophiyaa waliin qabdu gadi fageessuuf Waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuuf Somaaliyaan kutannoo akka qabdu irra deebi’anii ibsaniiru.


Labsiin Ankaaraa kun kan bahe erga Itoophiyaan walabummaa Somaaliyaandiif beekamtii kennuuf jecha handaara galaanaa kiiloomeetira 20 (maayilii 12) kireeffachuuf Somaalilaandii waliin waliigaltee walhubannaa erga mallatteessitee booda, jalqaba bara 2024 keessa hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu ture waldhabdeetti jijjiramee ture. Somaaliyaan waliigalteen kuni tokkummafi birmadummaa Somaaliyaa” kan hubu ta’uu ibsuun waliigaltichi fudhatama hin qabu jettee ture.


Waliigaltichi “faayidaa adda addaa kan qabuufi” Itoophiyaan akkaataa daangaa Somaaliyaa kabajuun qarqara galaanaa akka argattu kan taasisu ta’uu ibsameera.

Akkasumas hoggantoonni biyyoota lamaanii dhimmoota falmisiioofi mormisiisoo dhiisuuf waliigalaniiru.


Labsiin Ankaaraa Gamtaa Afrikaa, Ameerikaa fi Yunaayitid Kingdamiin simatame kun hariiroofi tumsa Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti deebisee ijaaruuf akka danda’u ta’uu himameera.


Waliigaltee kana hordofuun Pireezidaantiin Turkii Reesiip Tayiip Erdoogaan Guraandhalaa ykn Fulbaana 2025 keessa Itoophiyaa fi Somaaliyaa daawwachuuf karoorfachuu beeksisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button