Finfinnee, Sadaasa 28, 2024 – Itoophiyaan liqii dabalataa Doolaara miliyoona 251 Fandii Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa argachuuf waliigalteerti.
IMF, ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen, gulaallii lammaffaa ji’oota afur dura Waxabajjii 2024 keessa gaggeesseen waggoota afur keessatti maallaqa Doolaara biliyoona 3.4 Itoophiyaaf liqeessuuf murteesse ture keessaa Doolaara miliyoona 251 eeyyamuuf waliigaluu ifoomseera. Gulaallii liqii lammaffaa kana goolabuuf aanga’oota Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahuu IMF eereera.
Oduun kuni kan dhagahame hojjattoonni IMF kan Alvaaro Piirisiin durfaman Sadaasa 12 hanga 26,2024 Finfinnee daawwachuu hordofeeti. Daawwannaa kanaan jijjiirama diinagdee xiinxaluufi imaammata diinagdee biyyattii gulaaluuf ta’uu himameera.
Haa ta’u malee, maallaqa kana Itoophiyaaf gadhiisuuf bulchiinsi IMF fi boordiin hojiigaggeessituu liqii kana raggaasisuu qaba. IMF jijjiirama diinagdee Itoophiyaa keessa jiruuf beekkamtii akka kennu ibseera.
“Hojiirra oolmaan Jijjiirama Sagantaa Diinagdee Biyya Keessaa kan akka reetii sharafa maallaqa gabaan murtaa’uu sirriitti hojiirra oolfamaa jira,” jechuun rakkoon maallaqa sharafa alaa furamaa jiraachuufi garaagarummaan gabaa seeraafi gabaa gurraachaa gidduu jiru 10% gadi bu’uu IMF ibseera.
Waliigalteen amma irra gahame kuni waliigaltee gulaallii jalqabaa kan ji’oota lama dura raawwatametti aanee kan dhufeedha. Boordiin hojiigaggeessituu IMF maallaqa Doolaara 348 Onkololeessa 18, 2024 Itoophiyaaf raggaasisee ture.
Gulaalliin biraa ji’oota jahan itti aanan keessattti kan gaggeeffamuu ta’uu IMF eereera.
Liqiin IMF kuni jijjiiramni diinagdee guddaa mootummaan Itoophiyaa Adoolessa 2024 keessa hojiirra oolche hodofee kan mudateedha. Jijjiiramni diinagdee kanaan gabaan sharafa alaa mootummaan too’atamaa ture gabaa bilisaa akka ta’uu taasifamee ture.
Jijjiirama diinagdee taasifameen walqabatee Itoophiyaan Doolaara miliyoona kudhan IMF, Baankii Addunyaafi liqeessitoota birooraa akka argattu bulchaan baankii biyyaalessaa Maammoo Mihratuu (PhD) dubbatee ture. AS