DHIMMA HAWAASAAODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Itoophiyaatti Bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu HRW gabaase

Finfinnee, Amajjii 18, 2025 – Itoophiyaatti taateewwan akka lolaafi dhiibbaa dhaabbilee siviliirratti raawwatamuu eeruun sarbiinsi mirga namoomaa bara 2024 keessa raawwatame “hammaataa turuu” Hiyuumaan Raayts Waach (HRW) gabaase.

HRW gabaasa waggaa guutuu bara 2024 dhiyeesseen, naannolee lolli keessa jiruufi hin jirre keessatti sarbiinsa humnoota mootummaa, milishaafi hidhattoota alidileetiin raawwatamuu ibseera.

“Humnoonni mootummaa, milishaafi gareen hidhattootaa naannolee lolli jiruufi kutaa biyyaa biroo keessatti sarbiinsa mirgaa raawwataniiru,” HRW jedheera.

Lola naannoo Amaaraatiin walqabatee sarbiinsi yaaddeessaan raawwatamuu eeruun “yakki waraanaa” humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo jedhanii of waamaniin raawwatamuu gabaaseera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaa wabeeffachuun humnoonni mootummaa “ajjeechaa jumlaa, dararrii, miidhaa kornayaafi lammiilee nagaa miidhuu” ibseera.

Taatee hammaataa Amajjii 29, 2025 raawwatameen loltoonni mootummaa magaala Maraawiitti “namoota nagaa hedduu jumlaan ajjeessaniiru” jedheera.

Hidhattoonni Faannoofi humnoonni mootummaa “lammiilee nagaa ajjeesuu, qabeenya barbaddeessuufi seeraan ala nama hidhuu” eereera.

Qabiinsi mirga namoomaa naannoo Amaaraa ulfaataadha jechuun “sarbiinsa biyyattiitti mudate keessaa kan naannoo Amaaraaa ulfaataa” ta’uu himeera.

Hojjattoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii saddeet ajjeefamuu eeruun tajaajila gargaarsa namoomaa addaan kutuu ibseera.

Naaannoo Tigraayitti, loltoonni Eritraa yakkoota akka “gudeeddii, haadholiifi dubartootarra miidhaa geessisuufi qabeenya saamuu” eereera.

Biyyattiitti buttaan baay’achuun namoonni 100 ol keessumaa barattoonni yunivarsitii Oromjyaa keessa jiran Adoolessa keessa butamuu addeesseera.

Labsiin yeroo muddamaa kan Guraandhala hanga Waxabajjii dheereffame namoonnni keessumaa gaazexeessitoonni, miseensonni paartii mormitootaafi rogeeyyiin hawaasaa jumlaan akka hidhamaniifi sochiin akka ugguramuu taasisuu eerameera.

Amineestii Intarnaashinaal, gamasaatiin, naannoo Amaaraatti aanga’ootaafi barsiisota dabalatee namoonni dhibbaan lakkaa’aman hedduu hidhamuu ibseera.

“Miidiyaan dhiibbaa jala tureera. Gaazexeessitoonni hedduu cal’isuufi dararrii, hidhaafi biyyaa ari’atamuuf” saaxilamaniiru.

Dhaabbileen siiviliis dhiibbaa guddaa jala galaniiru.

Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa hojjattoota HRW ji’a Caamsaa keessa hiraarsuu eereera.

Mootummaan dhaabbata Giddugala Dagaagina Diimookiraasiifi Mirgaa (CARD) dabalatee dhaabbilee siivilii hedduu ji’a Sadaasaa keessa ugguruun ni yaadatama.

Adeemsi hojiirra oolmaa haqa ce’umsaa kan Ebla keessa ture sababa iftoomina hin qabaatiniif “gahaa miti” jechuun qaamolee yakka raawwatan seeratti dhiyeessuun walqabatee hojiin hojjatame quubsaa miti jechuun aanga’oonni mootummaa yakkoota raawwataman haalaa jiru jedheera. AS

Related Articles

Back to top button