ODUUSIYAASA

Oduu: Ji’oota 3 darban keessa sarbiinsi mirga namoomaa akka hidhaafi ajjeechaa jumlaa raawwatamuu komishinichi gabaase

Finfinnee, Amajjiii 25, 2025 – Kominshiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ji’oota sadan darban (Fulbaana, Okololeessaafi Sadaasa) keessa namoonni ajaja mana murtii malee ajjeefamuu, lammiileen nagaa ajjeefamuu, miidhaan qaamaa qaqqabuufi qabeenyi barbadaa’uu gabaaseera.

Komishinichi kana kan jedhe, gabaasa kurmaana waggaa guyyaa kaleessaa ifoomseeniidha. Ibsichi sarbiinsa mirga namoomaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti mudatan xiinxaleera. Ajjeechaa raawwatame kanaan mirgi lubbuun jiraachuu lammiilee sarbamuun ibsameera.

 Naannoo Amaaraa magaala Gondar gandoota Addis Alam, Ganfoo Quuc, Qoosh safar, Faasiil Kaampaas, Amaanu’eel, Loozaa Maariyaam, Axaaxiifi Azoozaa jedhamanitti rasaasa humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo ofiin jedhaniin dhukaafamaniin Fulbaana 6 hanga 7, 2017 ALI raawwatameen daa’immaniifi dubartoota dabalatee namoonni 10 ajjeefamuufi qabeenyi barbadaa’uu ragaa hospitaalaa wabeeffachuun KMNI gabaaseera.

Dhukaasa qaamolee lamaan gidduutti Gondar Kaabaa magaalaa Daabaatitti mudateen dhukaasa vinyasa hineeggatiniin daa’imman dabalatee xiqqaatu lammiileen afur ajjeefamuun erameera.  

Fulbaana 8, 2017 AlI Gondar Kibbaa aanaa Fogaraatti loltoonni mootummaa Alam Barrii irraa gara Warataa osoo imalanii dhukaasa hidhattoota waliin baname hordofee namoota nagaa mana manaa guuraniifi karaarraa qaban dabalatee 10 ajjeessuun ibsameera. Humnoonni kunneen namoota nagaa “si barbaanna” jechuun manaa waamanii ajjjeesu jedheera.

Hojjataa baajaajii tokko “Faannoodhaaf tajaajila geejjibaa laatta” himata jedhuun ajjeesuun baajaajisaa jalaa gubaniiru jedhame.

Walakkaa ji’a Fulbaanaatii hanga walakkaa ji’a Onkololeessaatti Godina Gojjaam Bahaa aanaa Bibuuny ganda Waynwuhaatti himata “Faannoo deeggartu” jedhuun namoota 11 gara mooraa raayyaa ittisaa fudhachuun achitti ajjeesaniiru. Namoonni ajjeefaman kunneen akka hin awwaalamne dhoorkamuus eerameera.

Fulbaana 22, 2017 ALI Gondar kibbaa aanaa Liboo Kamakamitti ganda Aggid jedhamutti wlitti bu’iinsa humnoota laamaan gidduutti uumame booda humnoonni mootummaa naannicha too’achuun himata “Faannoo deegartu” fi “Maatii Faannooti” himata jedhuun namoota ajjeesaniiru jedhame.

Fulbaana 23, 2017 Gondar Kibbaa aanaa Gunaa Bageemidir magaalaa Kimmir Dingaayiitti dhukaasa xiyyasaa dogogggoreen namoonni lama ajjeefamufi daa’imman lama madaa’uun eerameera.

Fulbaana 25 hanga 26, 2017 keessa Gojjaam Bahaa aanaa Dabaay Tilaatigin magaala Qiyiifi naannawasheetti namoota hidhattoota awwaalaa turan sadii humnoota motummaatiin ajjeefamuun gabaafameera.

Godina Gojjaam kaabaa aanaa Meeccaa ganda Daagiitti haleellaa qilleensarraa Fulbaana 26, 2017  raawwatameen maanguddoon tokko ajjeefamuufi daa’imman madaa’uu himameera.

Godina Gojjaam Lixaa aanaa Daga Daamootitti Magaalaa Faras BeetittiiFulbaana 29, 20217 hidahttoonni Faannoo ofiin jedhan raawwataniin aanga’oota mootummaa “mootummaadhaaf basaastu” jechuun namoota 80 jumlaan ajjeesaniiru.

Godina Gojjaam Lixaatti aana a Dgaa Daamotitti Onkololeessa 01, 2017 haleellaa diroonii raawwatme jedameen daa’imni ganna 4 tokko ajjeefamuun eerameera.

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Manz Maammaa Baashitti  haleellaa diroonii Sadaasa 4,2017 raawwatameen lubbuun namaa darbeera.

Godina giddugaleessa Gondaritti haleellaa hidhtatootaafi loltoota mootummaa gidduutti Sadaasa 11, 2017 hordofuun namoonni nagaa ajjeefamuun ibsameera.

Dhoorkaa geejjibaraa hidhattoonni kaa’aniin sochiin geejjibaa udugramuu gabaasischi yaadachiiseera. Fakkeenyaaf Fulbaana 23 hanga 30, 2017 tti dhoorkaan geejibaa turuu eerameera.

Naannoo Amaaraatti haleellaan abbootii seeraa murtee dabarsaniin walqabatee  raawwatamaa jiraachuu ibsameera. Waggaa darbe keessa qofa sababa labsii yeroo hatattamaatiiin walqabatee abbootiin seeraa 35 hidhamuu gabaasichi ifoomseera.

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Waacaalee fi Kaarraatti iddoo Bachoo jedhamutti Sadaasa 22, 2017 reeffa aanga’oota garichaan ajjeefaman awwaaluuf namoota sassaabaman hidhattootaan butamuu gabaafameera.

Naannoo Oromiyaatti sababa haala yeroo jedhuun namoota nageenya naannootiif danqaadha jedhaniin too’annoo jala oolchuun ibsameera.

Amajjii 10, 2017 Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti humnoonni mootummaa abbaa seeraa Jiineenuus Nagaasaa jedhaman irratti reebicha raawwachuun manni murtii aanichaa tajaajila dhaabuu Addis Standard gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button