ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: KFOn “gaaga’ama ulfaataa” akka hidhaa jumlaa, reebicha fi buqqaatii furuuf mariin akka taasifamu gaafate

Finfinnee, Adoolessa 15, 2024 – Paartiin Koongirasii Federaalaa Oromoo (KFO) gaaga’ama kanaan dura hin baramin” Oromiyaa keessa jiru furuufi waraana iddoo garaagaraatti mudate dhaabsisuuf diinummaan dhaabbatee mariin biyyaalessaa hunda hammate akka taasifamu gaafate. 

KFOn ibsa kaleessa baaseen, waraanni mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromo (WBO) gidduutti taasifamaa jiru gara godinoota 22 babal’achuu ibsuun “ hidhaan jumlaa, reebichi, qe’eeerraa buqqa’uu, manneen qonnaanbultootaa baay’inaan gubuu, loon ajjeesuu, nama lubbuun jiru abiddaan gubuufi yakkoonni sukaneessaan biroo humnoota mootummaatiin raaawwatamaa” jiraachuu ibse.  

Haalli keesumaa godinoota Shawaa, Wallaggaafi Arsii keessa jiru daran hammaataa ta’uu KFOn addeesseera. 

“Mootummaan diroonii fayyadamee godinoota Oromiyaa hunda keessatti lammiilee anagaa ajjeesaa jira,”ibsichatu jedhe. “Barsiisonniifi barattoonni manneen barnootaa keessatti dirooniidhan ajjeefamaa jiraachuun gaddisiisaadha.” 

Barruun Addis Standard tibbana maxxanse Lixa Oromiyaatti waraanni itti fufuee jiraachuu agarsiisa. Barruun kuni dhiibbaa lolli lammiilee nagaarratti uumaa jiru kan akka buqqaatii, tajaajila fayyaafi barnootaa dhabuufi jiraattonni sodaa keessa jiraachuu mul’iseera. 

Kana malees, mootummaan biiroolee KFO kan Shawaa lixaafi Arsiitti argamaniin alatti kanneen biroo humnaan cufsiisuu paartichi himeera.  

Gaggeessitoonni KFOfi miseensonni himata “msieensa WBOti yookimmoo WBO deeggartu jedhuun aanga’oota mootummaatiin dararamaa jiru jedheera. 

Haaalli siyaasaa biyyattiin keessa jirut hammaataa ta’uufi karaa nagaatiin siyaasa keessatti hirmaachuun ulfaataa ta’uu miseensi koree giddugaleessaa KFO ibseera. 

KFOn “heera biyyattii cabsuu, mirga namoomaa hacuucuufi waraana babal’isuudhaan” paartii biyya bulchu Paartii Badhadhinaa ceepheera. 

Gama diinagdeetiin, malaammaltummaa, beela, dhibeefi qaala’iinsa jireenyaatiin hawaasni rakkoo keessa jiraachuu eereera.  

Gatiin omisha loonii dabaluudhan walqabatee qonnaanbultoonni rakkachaa jiraachuufi milishaaf gargaarsa taasisuu sababa jedhamuun kaffaltiiwwan dabalataa garaagaratiif saaaxilamuu KFOn addeesseera. 

Mootummaan marii hunda hammataa qindeessuun paartilee hidhatanii socho’an waliin rakkoo jiru mariidhaan furuuf kutannoo siyaasaa alkka agarsiisu paartichi gaafateera. 

Paartiileen siyaasaa Oromoo garaagarummaa yaaadaa isaan gidduu jiru dhiisanii rakkoo biyyattii furuuf akka hojjatan gaafateera. Miseernsonni raayyaa, poolisiifi miseensonnii paarlaamaa rakkoooo biyyattii mudateef furmaata itti fufaa kennuu keessatti akka hirmaatan gaafateera. 

Kana malees, paartichi jijjiirama bulchiiinsaa taasisuu ifoomseera. Obbo Mulaatuu Gammachuu itti aanaa pireezidaantii paartichaa taasisuun iddoo Obbo Baqqalaa Garbaa kan biyyaa bahee turee buuseera. 

Qondaalli KFO duraanii Obbo Baqqalaa Garbaa mootummaa Ameerikaa kolagaltummaa gaafachuun paartii itti gaafatamummaa paartiicha keessatti qabu gadhiisuu Hagayya 2023 keessa ibsee ture. AS 

Related Articles

Back to top button