ODUUSIYAASA

Oduu: Komishiniin Marii Biyyaalessaa “yeroon hojii akka dheereffamu hin gaafanne” jedhe

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2024 – Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, kan yeroo hojiisaa ji’oota shan keessatti goolabamuuf jiru, “yeroon hojii akka dheereffamu hin gaafanne” jedhe.

Komishinichi tajaajila waggaa sadii akka laatu yaadamee Guraandhala 2022 keessa hundeefffamuun ni yaadatama. Haa ta’u malee, komishinichi hojii hojjachuu qabu gahumsaan osoo hin raawwatiin yeroon hojiisaa goolabamuuf ji’oota muraasa qofatu hafe.

Komishinarri Komishinichaa Piroofesar Masfin Araayaa, “haala amma jiru kanaan yeroo hojii komishinichaa akka dheereffamu hin barbaadu, akka dheereffamus hin gaafanne” jedhan.

Komishinichi ji’oota shanan hafan kana keessatti hojiisaa gahumsaan xumuruu akka hin dandeenye himaniiru. Komishinichi hojii ajandaa sassaabuufi hirmaattota adda baasuu naannolee tokko tokko keessatti raawwachaa tureera. Haa ta’u malee, naannolee Amaaraafi Tigraay keessatti hojii homaayyuu akka hin hojjatin Al Ain’tti himaniiru.

Rakkoolee waggoota dheeraaf turan kan nageenyi boora’uufi hokkoraaf sababa ta’an adda baasuufi gara waliigalteerra gahuun biyya haala siyaasaafi nageenyaa akka Itoophiyaa qabdu keessatti ulfaataadha,” komishinarichatu jedhe.

Yeroo hojii komishinichaa xumuramuuf dhiyaachuu hordofee manni marii bakka bu’oota uummataa yeroo hojii komishinichaa dheeressuu akka danda’u labsii hundeeffama komishinichaarratti labsameera.

Haa ta’u malee, yeroo hojii komishinichaa kakadheerreffamuu akka hin gaafatin komishinarichi himaniiru.

Rakkoon nageenyaa naannolee Amaaraafi Tigraay keessa jiru adeemsa hojii komishinichaatti danqaa ta’uu ibsuun yeron hojii komishinichaa akka dheereffamu fedhii kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Qaamolee qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiraniifi paartiileen siyaasaa maricharratti hin hirmaanne akka hammataman hojjachaa jiraachuu eereera.

“Humnoota hidhatan waliin fulduree wal arginee dubbifnee hin beeknu. Garuu gaaffii hidhatanii gra bosonaa akka galan isaan taasise mariidhaan furuuf akka hirmaatan yeroo garaagaraatti waamicha taasifneerra,” dabalee jedheera.

Akkaataa nageenyi humnoota hidhatanii kanneenii eeggameen biyya ormaatti wal arguun marii akka taasifamu komishinichi gaafachuu Masfin ibseera. AS

Related Articles

Back to top button