Oduu: Lolli naannolee Oromiyaafi Amaaraa akka dhaabbatuufi waldhabdee qondaalota naannoo Tigraay gidduu akka furamu paatriyaarkichi gaafate

Finfinnee, Amajjii 11, 2024 – Lolli naannolee Oromiyaafi Amaaraa akka dhaabbatuufi waldhabdeen garee hoggansa naannoo Tigraay gidduutti uumame akka furamuu Paatriyaarkiin Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa Qulqulluun Abuna Maatiyaas waamicha taasisan.
Paatriyaarkichi waamicha guyyaa kaleessaa taasisaniin, nageenyi jireenya dhala namaaf barbachisaa t’uu dubbataniiru. “Dhalanii dhungachuu, guddisanii gaa’elaan gahuu, namooota boqotan nagaan gaggeessudhaaf nageenyi barbaachisaadha,” jedhaniiru.
“Yeroo ammaatti gatiin meeshaalee garaagaraa beekamaadha. Gatiin nageenyaa garuu hin shallagamne,” jechuun jaalala obbolummaatiin waldhabdee furuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
“Addunyaarratti waliigalteen araaraa hedduu raawwatamaniiru. Dhalli namaa garuu akka du’u irraanfachuun waliigaltee mallatteefamee osoo hin turin irra deebiin hokkora biraa uuma,” dabalee jedheera.
“Ummanni aadaafi tokkummaa qabu wal fixuun kasaaraa hafuuraafi fooniiti” jechuun yeroo ammaa uffata gurraacha uffatanii yaada garaa jijiirrachuun Waaqa kadhachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Kirkirri lafaa mudachaa jiraachuu eeruun kunimmoo “mallattoo bara dhumaa” waan ta’eef yaada garaa jijjiirachuun Waaqayyoon dhugaan barbaaduu qabna,” jedheera.
Waraanni kutaalee biyyattii garaagaraatti deemaa jiru dhaabbachuun nageenya akka barbaadan Paatriyaarkichi waamicha taasiseera.
Waldhabdeen qondaalota naannoo Tigraay gidduutti uumame uummatarratti gadadoofi dhphina dabalataa fidaa waan jiruuf aanga’oonni rakkoo jiru akka furan Paatriyaarkichi adaraa jedhaniiru.
Yeroo waraana naannoo Tigraayitti mudatee turetti isaan cinaa dhaabbachhu dhabuuf Paatriyaarkichi abbootii amantaa Tigraay dhiifama erga gaafatee booda “wanti hundi kan milkaa’u karaa nagaatiin ta’uu qaba” jechuun araaraaf qophaa’oo ta’uun babaachisaa ta’uu eeraniiru.
Akkasumas, maatiilee naannolee kirkirri lafaa mudachaa jirutti argamaniif kadhannaa akka taasisan eeruun lammiilee balaa kanaaf saaxilamaniif gargaarsi akka taasifamu gaafataniiru. AS