ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Maatiin miseensa mana maree naannoo Somaalee rasaasa poolisiin ajjeefaman ‘haqa sirrii dhabne’ jedhan 

Finfinnee, Waxabajjii 29/2024 – Maatiin miseensa Mana Naree Naannoo Somaalee fi Koree Giddu-galeessaa Paartii Badhaadhinaa duraanii waggaa tokkoofi ji’a sagal dura Buufata Xiyyaaraa Jigjigaatti miseensa poolisii federaalaa tokkoon rasaasaan ajjeefaman Juweeriyaa Mohaammad, haqaa fi beenyaa barbaachisu akka hin arganne himan. 

Maatiin Juweeriyaa Addis Standard dubbise, “haqaa fi beenyaa barbaachisu argachuu dhabuu qofa osoo hin taane, humnoota nageenyaa naannichaatiin doorsifamaa, reebamaa fi hidhamaa jirra” jedhan.

Onkoloolessa 25, 2022 aadde Juweeriyaan obboleettii isaanii biyya alaarraa dhufan simachuuf gara Buufata Xiyyaaraa Garaad Wilwaal bakka argamanitti rasaasa miseensa poolisii federaalaa tokkorraa itti dhukaafameen ajjeefaman. 

Dhukaasa itti banameen obboleettiin isaanii Ayaan Mohaammad rasaasa sadiin luka isaanirratti kan rukutaman yoo ta’u, ilmi Ayaan ammoo harka irratti rukutamee miidhaan irra gaheera. 

Haleellaa kanaan aadde Juweeriyaa Mohaammad battalumatti lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u, obboleettiin isaanii miila irratti rukutaman Ayaan Mohaammad ammoo miidhaa irra gaheen wal’aanamaa turanis miidhaa ulfaataa irra gaheen miilli isaaii muramuuf dirqamaniiru.   

Obboleessi Juweeriyaa Addis Standard waliin turtii taasise Yaasiin Mohaammad taatee ture yeroo yaadachiisu, Juweeriyaan obboleettii isaa biyya alaatii dhufte waliin erga wal arganii booda suuraa wayita ka’aa jiranii miseensa poolisii federaalaa guyyaa sana eegumsarra ture “suuraa ka’uun hin danda’amu” jechuun waldhabdee ka’uu ibsa. 

“Waldhabdeen gidduu isaanii uumame dabaluun poolisichi Juweeriyaatin rasaasaan addarratti dhahe lubbuun akka darbu godhe. Obboleettii keenya haala sanaan rifatte rasaasaa sadin miila isheerratti dhahe, dabalataan daa’ima waggaa 13 harka irratti rukute,” jechuun ibseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Sababa kanaatiin lammii Ameerikaa kan ta’an Ayaan Mohaamad si’a sadi miilli isaanii muramuu Yaasiin ibseera.

Yaasiin akka jedhetti, ajjeechaan kun erga raawwatame booda kompiitara fi bilbila dhuunfaa Juweeriyaa fudhatamee faayiloota hunda keessaa balleeffamanii gara maatiitti kan deebi’e yoo ta’u, kunis gochi kun ”itti yaadame kan raawwatame” ta’uu agarsiisa jedhee akka amanu himeera.

Yakki kun miseensi mana maree naannichaa Juweeriyaa Mohaammad irratti erga raawwatamee ji’oota booda miseensi nageenyaa ajjeechaa kanaan shakkamee himatni irratti baname balleessaa ta’ee waan argameef murtiin du’aa itti murtaa’eera.

Juweeriyaa Mohaammad (bitaa) fi obboleettii isaanii Ayaan Mohaammad (mirgaa)

Murtee adabbii kana kan dabarse mana murtii ol’aanaa Jigjigaa yoo ta’u, adeemsa dhaddacha irratti maatiin akka hin argamne dhorkamuu isaanii komii kaasuu Yaasiin ibseera. 

“Waa’ee murtee kanaa fi raawwii isaarratti shakkii qabna” kan jedhu Yaasiin, “mootummaa naannichaaf ‘haala raawwii murtee adabbii kanaa maalirra gahe’ jenne gaaffii dhiyeessine gara waajjira pireezidaant Itoophiyaatti dabarfameera kan jedhu ala deebiin nu laatame hin jiru jedhe. 

 Obboleessi Juweeriyaa, Yaasin, ajjeechaan obboleettii isaa ”mootummaa naannichaatiin itti yaadamee kan raawwatameedha” jedhee akka amanu Addis Standard’tti himeera..

Gaaffii Haqaa fi dhiibbaa maatiirra gahaa jiru 

Maatiin Juweeriyaa haqa gaafachuu isaatin doorsisa, reebicha fi hidhaa irra gahaa jiraachuu Yaasiin Addis Standard’tti ibseera. “Aniyyuu yeroo Juweeriyaan ajjeefamtu sababa miidiyaa irratti haqa gaafadheef ji’a lamaaf hidhameera. Kanin gadhiifamellee kana booda homaa akkan hin dubbanne erga akeekkachiifameeni.” 

Dhuma torban darbe ilmi Juweeriyaa, Guled Sulxaan jedhamu mana isaanii fuulduratti poolisoota sadiin reebamuu kan eere Yaasiin, poolisoota reebicha kana raawwatan keessaa lama to’annoo jala ooluu himeera.

Yaasiin dabaluun, ajjeechaan obboleettii isaa buufata xiyyaaraatti kan raawwatame ta’uus “buufatni xiyyaarichaa beenyaa barbaachisu nuuf hin kennine” jechuun komii qabu ibseera. 

“Ajjeechaa Juweeriyaa Mohaammad fi miilli Ayaan Mohaammad kan miidhame buufata xiyyaaraa Jigjigaatti, qaama seeraatin waan ta’eef abbaan alangaa buufata xiyyaaricha irratti himata akka banuu fi beenyaan barbaachisu akka nuuf laatamu waajjira pireezidaantii naannichaaf xalayaa barreessinus qaama seeraa eeyyamamoo ta’u hin arganne,” jedhe. 

Kana malees, haala raawwii murtee nama ajjeechaa raawwate irratti darbe maatiitti akka beeksifamuu fi dhiibbaan maatiirraa akka dhaabbatu mootummaa naannichaan gaafateera. 

Dhimma kanarratti waajjira pireezidaantii naannichaa, komishinii poolisii naannichaa fi aanga’oota biiroo haqaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button