DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Magaalaan haaraa Hidha Haaromsaa giddu galeessa godhatee akka hundeeffamu ibsame

Finfinnee, Onkoloolessa 09/2023 – Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti magaalaa hidha guddicha Haaromsa Itoophiyaa giddu galeessa godhate hundeeffamuuf ta’uu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa Injinar Haabtaamuu Ittafaa ibsan.

Magaalaa hidha Haaromsaa naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti hundeessuuf karoorfame hidhichaaf eegumsa akka ta’u, akkasumas baay’ina uummataa yeroo ammaa kana naannolee adda addaatti mul’atuuf furmaata laachuuf akka gargaaru Injinar Haabtaamuu ibsaniiru.

“Carraan hidha guddichi Itoophiyaa uumu magaalaa haaraa hundeessuuf kan dirqisiisudha,” kan jedhan Ministirichi, maddi qabeenya magaalaa haaraa fi ammayyaa hundeeffamu kan ta’u bishaan hidhicha duubaan kuufamu ta’uu ibsaniiru. 

“Hawwata turizimii bishaan hidhichaa uumu fi odolawwan keessatti uumaman, ilaalcha mijataa fi hawwataan hidha saadichaa kiiloo meetira shan dheeratu uumu, qabeenya qurxummii fi oomisha qurxummii fi kkfn magaalaa haaraa akka uumamu dirqisiisu. Kanaaf carraa kanatti fayyadamuun barbaachisaadha,” jedhan.

Kana malees, naannoo hidhichatti industiriiwwan babal’isuufis hojjetamaa jiraachuu eerameera. AS 

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button