
Finfinnee, Muddee 26, 2024 – Dhaabbanni mitimootummaa Mana Marii Abukaatoo Mirga Namoomaa jedhamu xalayaa Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Sivilii guyyaa kaleessaa barreesseen ugguramuu ibseera.
Abbaan taayitichaa tarkaanfii kana kan fudhate himata manni marichaa “kaayyoo ijaarameefii ala ta’e” hojjateera jedhuun ugguruu beeksiseera.
“Abbaan taayitichaa hordoffiifi sakatta’iinsa taasiseen dhaabbatichi kaayyoo ijaarameefiin alattiifi akkaataa walaba ta’een hojjadhuu dhabuu, ijaarsa ifa ta’e dhabuufi akkaataa itti gaafatamummaan hir’ateen hojjachuu mirkaneessuu danda’eera,” xalayichatu jedhe.
Haa ta’u malee, manni marichaa “seeraafi heera biyyattii kabajuun karaa seera-qabeessa” ta’een socho’aa osoo jiruu xalayaan ugguraa kuni isa qaqqabuu beeksiseera.
“Dhaabbanni keenya erga hundeeffamee kaasee gochaa heera cabsu kallattiin ta’ee alkallattiin hon hirmaanne ta’uu ni ibsina,” jechuun tarkaanfiin fudhatame kuni dhaabbatichaaf akka hin malle ibseera.
Akkasumas, dhaabbatichi caasaa ijaarsaa ifa ta’ee qabaachuu ibseera. “Dhaabbanni keenya boordiin kan hogganamu yoo ta’u caasaa ijaarsaa ifa ta’e kan qabuufi waggootaaf hojiilee hedduu hojjachaa turuun amanamaadha,” jechuun manni marichaa dabalee ibseera.
Tarkaanfiin abbaa taayitichaa fudhate adeeemsa seera kan hin hordofneedha jedheera. ‘Tarkaanfiin abbaa tayitichaa dhaabbaticharratti fudhate adeemsa seeraa kan hin hordofnee fi seera dhabeessa dha jennee amanna,” jechuun ibsi manni marichaa baase eereera.
Sababoota ugguramuu dhaabbatichaatiin walqabatee abbaa taayitichaa ibsa gahaa akka laatus gaafatameera. “Abbaan taayitichaa iyyata galfame ilaaluun deebii hatattamaa akka nuuf laatu gaafanneera.”
Oduu wal fakkaatuun, dhaabbanni sivilii biraa Mana Marii Mirga Nmaoomaa Itoophiyaa jedhamu ugguramuu miidiyaaleen gabaasaniiiru. Haa ta’u malee, Addis Satndard oduu kana adda baafachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Dhaabbileen mitimootummaa biroo afur tibbana ajaja mootummaan Itoophiyaa dabarseen si’a lammataaf ugguramuu Addis Standard gabaaseera. Mootummaan murtee kanaaf akka sababaatti dhaabbilee siviilii kunneen “walabummaa siyaasaa hin qaban” kan jedhe ta’uus dhaabbatni mirga namoomaa Idiladdunyaa Hiyuumaan Raayts Waach jedhamu garuu sababni mootummaan kaa’e “bu’uura hin qabu” jedheera. AS