ODUUSEERA FI HAQAUncategorized

Oduu: Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa gaaffii mirga wabii Obbo Taayyee kuffise

Finfinnee, Fulbaana 04, 2024 – Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa gaaffii mirga wabii deetaa ministeera nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa kufaa taasise.  

Obbo Taayyeen gaaffii mirga wabiitiin walqabatee murtii Manni Murtii Olaanaa Federaalaa kanaan dura dabarse mormuun gara mana murtii Waliigalaa Federaalaatti iyyataniiru.

Yakki Obbo Taayyeen ittiin himatamaa jiran kan meeshaa waraanaa seeraan ala hidhachuu waggaa saddeetii hanga 25 kan adabsiisuu ta’uu eeruun mirga wabii isaanii akka hin eegamne murteessan.

Obbo Taayyeen mirga wabiitiin yoo gadhiifame yeroo manni murtii barbaadutti dhiyaachuu dhiisuu mala shakkii jedhuufi yakkichi adabbii gadiaanaa waggaa saddeetii waan ta’eef mirgi wabii akka hin eegamne murteesseera.

Manni murtichaa murtii Manni Murtii Olaanaa Federaalaa kanaan dura dabarse cimsuun iyyannoo mirga wabii isaanii kufaa taasisuun gara mana hidhaa Qaallittiitti deebi’an.

Manni murtii Olaanaa Federaalaa himata Obbo Taayyeen ittiin himataa jiran kan dhimma meeshaa waraanaa seeraan ala ilaaluuf ji’a Onkololeessaa dhufutti beellamuunsaa ni yaadatama.

Obbo Taayyeen himata sadii irratti baname keessaa lama kufaa taasisuun isa sadaffaatiin walqabatee mrtee dabarsuuf ji’a Okolooleessaaatiif beellamuun ni yaadatama. Himanni sadaffaa kan meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamaniiru kan edhuudha.

Obbo Taayyeen gama isaaniitiin gochaalee eeraman raawwachuu amananis balleessaa akka hinraawwanne yookiin yakka akka hin dalagne jechasaanii kennanii turan.

Dhaddachawwan kanaan dura turanirratti abukaatoowwansaaniirratti doorsisa qaqqabaa ture mana murtiitti iyyatanii kan turan Obbo Taayyeen, dhaddacha Hagayya 6, 2024 dhiyaatanirrattis “Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa wanta seenaa keessatti godhamee hinbeekne, abukaatoon akka naaf hin dhaabbanne, kan dhaabbatanis dhiisanii akka deeman taasiseera” jechuun komatan.

Itti waamamni tajaajilichaa Ministira Mummeef waan ta’eef Daayrektarri Olaanaan tajaajilichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi MM Abiy Ahmad dhaddachatti dhiyaatanii akka gaafataman iyyachuun gabaafameera. AS

Related Articles

Back to top button