ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Marii dhimma Hidha Haaromsaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame

Finfinnee, Fulbaana 25/2023 – Dhimma Hidha Haaromsaa ilaalchisee mariin biyyoota sadan [Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii] gidduutti guyyoota lamaan darbaniif Finfinneetti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu Ministira Bishaanii fi Jallisii Masrii ibsa baaseen beeksiseera. Itoophiyaan ammallee ejjennoo hin jijjiiramne calaqqisuun, furmaata waliigalteerra ga’uuf fedhii akka hin qabne agarsiisteetti jedhe.

Itoophiyaan gama biraatiin ergaa karaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa dabarsiteen mariin gama sadii dhimma Hidha Haaromsaa irratti guyyoota lamaaf adeemsifamaa ture xumuramuu ibsuun, garaagarummaa biyyoota kunneen gidduu jiru dhiphisuuf marii fi yaada wal jijjiiruu gaggeeffamuu fi Itoophiyaan furmaata waloo irra ga’uuf ciminaan akka hojjettu himaniiru.

Itoophiyaan marii gamsadee kanaan dura gaggeeffaman irratti dhimmoota ittiin waliigaltee ture marii guyyoota lamaaf Finfinneetti gaggeeffame irratti akka haaraatti waliigaluu diddeetti jedhe Ministeerri Bishaanii fi Jallisii Masrii. Ministirichi dhimmoota Itoophiyaan walii hin galle hin tarreessine.

Tibbana dhimma marii Hidha Haaromsaa ilaalchisee hayyootni Addis Standardiif yaada isaanii laatan mariiwwan itti aananii gaggeeffamaniin jijjiiramni ni dhufa jedhanii kan hin eegne ta’uu himanii turan. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button