Oduu: Miidhaan oomisha abaaboo geessisu qaama walabaadhaan qoratame akka dhiyaatu Paarlaamaan gaafate
Finfinnee, Muddee 04/2023 – Misooma qonna abaaboo miidhaa naannoo irratti geessisu ilaalchisee Ministeerri Qonnaa garee walabaadhaan qorachiise akka dhiyeessu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsa fi To’annoo Baasii Mootummaa hubachiise.
Koreen dhaabbii kun oomishtummaa fi bu’aa qabeessummaa sirna qabiinsa naannoo misoomsa abaaboo Ministeera Qonnaa ilaalchisee bu’aa odiitii bara 2014/15 ALI irratti mari’achuu DhPI gabaaseera.
Itti aanaan dura teessuu koree dhaabbii kan ta’an Aadde Araaree Moosisaa akka jedhanitti, misoomni abaaboo oomisha Bunaatti aanee dameewwan biyyattii galii olaanaa argamsiisan keessaa sadarkaa lammaffaarra kan jiru ta’us, qajeelfama hojii mataa isaa akka hin qabne himaniiru. Oomisha damee kanaan walqabatee miidhaa qaqqabe qaama walabaa ta’een qorachiisuu akka barbaachisu fi kunis rakkoolee wal-qabatan beekanii furuuf tarkaanfii fudhachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Itti aanaan walitti qabduun kun miidhaa misooma abaaboon walqabatee gahe irratti qorannoo gaggeeffamu hanga Sadaasa 30tti xumuree koree dhaabbii fi qaamolee dhimmichi isaan ilaallatuuf akka dhiyeessu hubachiisaniiru.
Hojiin misooma abaaboo haala nageenya lammiilee eeguun akka hojjetamuuf hariiroo qaamolee dhimmi ilaallatu waliin cimsuun sirni to’annoo fi hordoffii akkasumas itti gaafatamummaa jiraachuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Akka gabaasa kanaatti, Deetaa Ministira Ministeera Qonnaa Dr. Mallas Mokonniin, bu’aa galteewwanii fi keemikaalota dhaabbilee oomishtoota abaaboo itti fayyadaman ittisuuf akkasumas bulchiinsa fi gatiinsa balfaa sirnaan to’achuuf tattaaffiin taasifamaa jira. Yaada koreen dhaabbii kenne irratti hundaa’uun, akkasumas karoora hojii fi argannoo odiitii irratti hundaa’uun dhaabbilee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun sirreeffama akka taasisanis akeekaniiru. AS