
Finfinnee, Muddee 24, 2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa himata mootummaan Somaaliyaa humna nageenyaa Itoophiyaarratti baneen mufachuu ibsuun himatichi “sobadha” jedhe
Ministeerichi, ibsa baaseen, ibsa mootummaan Somaaliyaa muddee 23, 2024 baaseen, humnoonni Itoophiyaa Doolowitti haleellaa raawwataniiru jedhutti mufachuu ibsuun himanni kuni sobadha jedheera.
Mootummaan Somaaliyaa, ibsa Muddee 23, 2024 baaseen humnoonni tika nageenyaa Itoophiyaa raayyaa ittisa biyyaa, poolisiifi waajjiira odeeffannoofi nageenyaa Somaaliyaarratti haleellaa raawwataniiru jedheera. Yeroo waliigalteen Ankaaraa mallattaa’e kanatti gochaan kuni raawatamuusaatiin mufachuus eereera.
Himanni kuni araara Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti bu’e danquuf “qaamota sadaffaa tokko tokkoon” raawwatamuu ibsi mootummaa Itoophiyaa beeksiseera. Qaamni sadaffaa kuni Gaanfa Afrikaa booressuuf hojjachuun yakkeera.
Kana malees, Waliigaltee Ankaaraa danquuf ta’uu eeruun qaamolee kanneeniif carraa kennuun hin barbaachisus jedheera. Mootummaan Itoophiyaa rakkoo akkasii furuuf mootumma Somaaliyaa waliin itti fufiinsa akka hojjatus ibsameera.
“Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee Ankaaraa cimsuufi hariiroo obbolummaa biyyoota lamaanii cimsuuf kutannoon hojjata,” ibsichatu jedhe.
Waliigalteen kuni hariiroo biyyoota lamaanii cimsuufi nageenya naannichaa utubuu keessatti gahee akka qabus eerameera.
Waliigaltee Ankaaraa hordofuun marii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa jila ministeera dhimma alaa Somaaliyaatiin durfamu waliin taasiseen hodofuun, ibsa har’a baaseen, waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuuf kutannoo akka qabu ibseera. AS