
Finfinnee, Muddee 27, 2024 – Naannoo Harariitti “manneen daldalaa buusii misooma kooridarii hin kaffalin cufaman” himata jedhu haaluun manneen kunneen sababa “dambii ijaarsaa cabsaniif” saamsamuu mootummaan naannichaa ibseera.
Naannichi, ibsa baaseen, manneen kunneen sababa gamoo ijaaramee hin xumuramin keessatti daldala eegaluutiin cufamuu eereera.
Dameewwan baankii daldalaa 43 dabalatee manneen daldalaa hedduu cufamuu naannichi ibsa Muddee 26, 2024 baaseen beeksisee ture. Gamoowwan isaan daldala keessatti eegalame kuni ulaagaa barbaachisaa akka hin guuttatin biiroon misooma industirii naannichaa eereera.
Dhaabbileen daldalaa kunneen dambii ittiin bulmaata ijaarsa magaalattii 1180/2014 kan cabsu ta’uu hogganaan biirichaa Ismaa’iil Yusuuf himeera. Tarkaanfiin kuni kan fudhatame akkaataa dambichi gamoo ijaarsi isaanii hin xumuramin keessatti daldala eegaluun akka hin eeyyamamne akkaataa labsuun ta’uu barameera.
“Haa ta’u malee, dhaabbileen daldalaa gamoowwan sadarkaa barbaadamu guutatan hojiisaanii akka itti fufan eeyyamameera,” Ismaa’iltu jedhe.
Waldaan Baankiilee Itoophiyaa, ibsa Muddee 23, 2024 baaseen, dameelee baankiilee garaagaraa 43 naannoo Harariitti sababa “buusii misooma kooridarii kaffaluu dhabuutiin” guyyoota sagaliif cufamuu ibsee ture. “Birrii miliyoona lama misooma kooriidariitiif gaafataman kaffaluu dhabuutiin” cufaman jedhee ture. Barreessaan olaanaa waldichaa Damissee Kaasaa afgaaffii VOA waliin taasiseen, “manneen kunneen kan cufaman sababa buusii kaffaluuu dhabaniifi” jedheera. AS