ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Amaaraatti geejjibni meeshaa waraanaa “qindaa’e” tootame

Finfinnee, Mudddee 20, 2023 – Naannoo Amaaraa “giddugala hokkoraa” taasisuuf “haala qindaa’een” geejjibni meeshaa waraanaa seeraan alaa raawwatamaa ture too’annoo jala ooluu biiroon nageenyaafi tasgabbii naannichaa ibse.

Ibsi biirichi baase akka jedhutti, geejjibni meeshaa seeraan alaa kuni kan raawwatame naannnoo Amaaraa “giddugala hokkoraa” taasisuu yaadameeti jedhe. Haata’u malee, geejjiba meeshaa kanaa kan raawwate eenyu akka ta’e ibsichi ifa hin taasifne.

“Konkolaataan fe’aa kan simintoo fe’e fakkeessuun [magaala] Maqaleetii ka’ee ture poolisii magaala [naannoo Amaaraa] Filaaqiit Garagaraatti too’atameera. Konkolaatichi rasaasa qawwee hedduu, Kilaashinkoovii 10,385 fi qawwee breenii fe’ee ture,” ibsichatu jedhe.

Kana malees, konkolaataan biraa aanaa Gaayintii magaala Dabra Taabor imalaa ture kilaashinkoovii torbaafi rasaasa qawwee 2,000 ol fe’ee ture too’aatamuu dabalee addeesseera. Shakkamaan too’annoo poolisii jala oolee eture odeeffannoo kenneen dhukaasni qawwee 15,00 biroo too’tamaniirus jedhe.

Taatee biraatiin, konkolaataan Siinoo warshaa simintoo Maseeboo kan Qobboo irraa gara Dabra Taaboor imalaa ture meeshaalee waraanaa gurguddaa 8,143 fe’ee ture aanga’oota mootummaatiin too’atameera. Konkolaataan biraa Qobboo gara Gaayint imalaa ture biyyee keessa meeshaa waraanaa  Isnaaypar jehdamu dhoksuun imalaa ture akkasuma qabameera.

Rakkooleen nageenyaa kana tiksuu irratti hawaasni mootummaa waliin tumsuun nageenya naannowa isaanii akka tiksan dhaameera.

Lola hidhattoo Faannoo Amaaraa fi humnoota mootummaa gidduuti Hagayya 2023 eegalee naannichatti dabalaa dhufe hordofuun naannoon Amaaraa labsii yeroo hatattamaa jala galuun ni yaadatama.  

Erga waraanni eegalee asitti mootummaan humnoota riphee lolaa kana “cabsuun” magaalotaafi gandoota naannoo Amaaraa tasgabbeessuu irra deddeebiin dubbachaa tureera. Haa ta’u malee, humnoonni riphee lolaa kunneen humnoota mootummaa irratti halellaa raawwachuufi loltoota heduu booji’uu himatu. AS

Related Articles

Back to top button