DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Sidaamaatti hanna xaa’oo irratti raawwatame kasaaraa birrii biiliyoona tokkoon tilmaamamu geessise

Finfinnee, Onkoloolessa 17/2023 – Naannoo Sidaamaatti namootni hanna xaa’oon shakkaman seeraan itti gaafatamaa akka jiran waajjirri bulchiinsa nageenyaa naannichaa beeksise. Dhimma kanaan walqabatee shakkamtoonni 148 to’annoo seeraa jala ooluu ibsameera.

Hogganaan Waajjira Bulchiinsa Nageenyaa Naannoo Sidaamaa Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka himanitti, naannichatti bara baajataa darbe xaa’oo yeroo oomishaatti gatii madaalawaadhaan qonnaan bultootaaf akka raabsamuuf mootummaan birrii miiliyoona 28 ol deeggarsa taasise kuntaala 25,140 hatameera.

Xaa’oon hatame kun qonnaan bultoonni osoo sirnaan argatanii irraa fayyadamaa ta’an oomisha kuntaala kuma 412 ol argamsiisu akka danda’u fi miidhaan qaqqabsiisu qarshiidhaan yoo tilmaamamu Birrii biiliyoona tokko akka ta’u ibsaniiru.

Qaamolee yakka hanna qabeenya mootummaa fi uummataa raawwatan akka itti gaafatamanii fi olaantummaa seeraa diriirsuuf sadarkaa naannootti garee hordoffii hundeeffamee jiraachuu eeraniiru. Keessattuu qondaaltonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran gocha kana keessatti hirmaachuu isaaniitiin shakkaman akka itti gaafataman aangoo isaanii irraa kaafamuu eeran.

Kanaan walqabatee daldaltoonni xaa’oo 59 yakka kana keessatti harka akka qaban jedhaman to’annoo seeraa jala oolchuun dhimmi isaanii qoratamee abbaan alangaa himannaa irratti kan dhiyeessu ta’uu ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button