ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Naannoo Sidaamaatti hannaan walqabatee namoota 25 to’annoo jala oolu, hoggantoonni 10 aangoo irraa kaafamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 22/2023 – Naannoo Sidaamaatti hojimaata badaa fi hannaan walqabatee hoggantootni 10 aangoo isaanirraa kaafamuu fi namootni dabalataa 25 to’annoo jala ooluu mootummaan naannichaa beeksise. 

Sagantaa cufiinsa gamaaggama raawwii hojiilee paartii fi mootummaa naannoo Sidaamaa kan bara 2015 fi marii karoora bara 2016 kaleessa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Pirezdaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo ji’oottan muraasa darban keessa galteewwan uummata bira gahuu qaban seeraan ala gurguruun ummata bira akka hin geenye taasisuun bifa weeraraatin mul’ateera jechuun, namootni 97 hanna oomisha xaa’oo waliin walqabatee seeratti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan. Bulchitoota aanaa lama dabalatee namoota sadarkaa sadarkaan hirmaatan seeratti dhiyaachuu isaanii himaniiru.

Magaalaa Hawaasaa keessattis hanna fi hojimaata badaa olaanaa mul’achuu ibsuun, namoota waltajjii gamaaggama yeroo gaggeeffamaa turetti itti gaafatamummaa jalaa bahuuf addaan kutanii dheessan jiraachuu eeraniiru.

Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa Abrahaam Maarshaaloo waltajjii kana irratti akka ibsanitti kaayyoon gamaaggama kanaa hoggantoota hanna fi hojimaata badaa balaaleeffatan uumuu fi daandii misooma qabame itti fufsiisu akka ta’e dubbataniiru. Aanga’oota hojimaata badaa keessa hirmaatan gaafatamaa taasisuun cimee kan itti fufu ta’uus kaasaniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button