ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoolee Somaalee fi Affaar walitti bu’iinsa naannawaa daangaatti mudatan mariin furuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 18/2024 – Walitti bu’iinsa naannawaa daangaa naannolee Afaar fi Somaaleetti mudatan mariin furuuf waliigalteerraa ga’uu Pireezidaantoonni Naannolee lameen ibsan.

Pireezidaantiin Naannoo Afaar Awwal Arbaa fi pireezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad walitti bu’iinsa naannawaa daangaa naannolee lamaanitti mudatan mariin furuuf waliigaluu isaanii ibsa waloo har’a Adoolessa 18 laataniin beeksisaniiru. 

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad, “rakkoolee darbe darbe uumaman hundeerraa furuu fi sababa kanaan lubbuun namaa akka hin badne waliigaltichi godhameera,” jedhan. 

Lamiilee sababa walitti bu’iinsa irra deddeebiin mudatuun qe’ee isaanirraa buqqa’an deebisuuf kutannoodhaan ni hojjanna jechuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. 

Hoggantoonni naannolee lameen gaaffileen ka’umsa walitti bu’iinsaa ta’an bifa seera qabeessa, heera kabajee fi karaa nagaa qofaan akka deebi’aniif qooda fudhattoota federaalaan kan hogganamu ta’uu ibsuun nagaa buusuuf ni hojjenna jedhan.

Ji’a Waxabajjii keessa walitti bu’iinsa daangaa naannolee lamaanitti mudateen lubbuun namoota hedduu darbuu fi hedduun qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Addis Standard gabaase ture. Dabalataan, namoonni hedduun butamuu isaaniis jiraattonni Addis Standard’tti himaniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa ji’a walfakkaataa keessa baaseen, walitti bu’iinsi naannoo Affaarii fi Somaalee gidduu mudatu dhaabbachuun nageenyi waaraa bu’uu akka qabu hubachiiseera.

Kana malees, Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waldhabdee naannolee lamaan gidduu mudatu furuuf koree miseensota 25 qabu ijaaruu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button