DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Ogeeyyoonni hospitaala aanaa Kaambaa gita hojiisaanii gadhiisuun jiraattonni rakkachuu himame

Finfinnee, Muddee 17, 2024 – Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Gaamootti hojjattonni Hospitaala Sadarkaa Tokkoffaa Kaambaa gita hojiisaanii gadhiisuun walqabatee tajaajilli hospitaalichi kennu danqamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Hospitaalli Kaambaa Sadarkaa Tokkoffaa tajaajila dhaabuuf dirqamaa jiraachuun walqbatee jiraattonni rakkoo tajaajiala fayyaatiif saaxilamuu jiraattonni eeraniiru.

Jiraataa aanichaa kan ta’e Obbo Ayyyalaa Ooylaa afgaaffii Addis Standard waliin taasiseen, ogeeyyonni fayyaa Hospitaala Kaambaa Sadarkaa Tokkoffaa keessa hojjachaa turan gita hojiisaanii gadhiisuu hordofee jiraattonni rakkoo tajaajila fayyaatiif saaxilamuu himeera.

“Kanaan dura hojigaggeessitoonni aanichaa waa’ee ogeeyyii fayyaa waan jedhamu hin mallee jedhanii ture. Ogeeyyiin fayyaa kabaja argachuu qabu. Inni garuu hojii maqaasaanii xiqqeessuu hojjachaa ture. Namoonni yeroo dheeraaf tajaajila kennaa turan gadhiisanii deemaniiru. Kunis kan ta’e dubbii hojigageessaan dubbate hordofeeti.,” jechuun jiraatonni rakkoo tajaajila fayyaatiif saaxilamuu Obbo Ayyalaan ibseera.

“Cal’iftanii osoo dhuftanii ilaaltanii hospitaala mitii keellaa fayyaayyuu hin fakkaatu. Ogeessi uffata dambii uffatee hin argitan. Kanaafuu, baay’ee ulfaataadha. Hospitaalichi tajaajila kennaa jira jechuun ni ulfaata,” Ayyalaan dabalee jedheera.

Kana malees, namoonni wal’aansa sasalphaa barbaadan osoo hin hafin gara Hospitaala Arbaamiinc ergamaa jiraachuu jiraataan kuni eereera. Arbaamiinc yeroo dhaqanimmoo baasii geejjibaa biraatiif saaxilamu.

Jiraataan naannichaa biroo kan riifariidhaan gara Hospitaala Arbaamiinc ergamee ture rakkoo hospitaalicha keessa jiru ulfaataa ta’uu himu.

“Amma hospitaala keessa kan jiru hakiimoota waliigalaa lama qofaadha. Ogeessi deessisuu jaallatamaan yeroo dheeraaf hojjataa ture mindaan koo seeraan naaf kaffalamaa hin jiru jechuun gadhiiseera. Namoonni kunneen gita hojiisaanii kan gadhiisan akkasumaan miti,” jedheera.

Tajaajilli ambulaansii jiru baay’ee dadhabaadha. Kanaafuu, jiraattonni baasii geejjibaa dabalataaf saaxilamuu jiraatichi eereera.

“Hawaasichi dararamaa jira. Haadholiin deessuun rakkoo guddaa keessa jiru. Ambulaansiidhaan Arbaamiinc geessuuf birrii 7,000 hanga 8,000 kaffalu,” jedheera.

Kana malees, hojjattonni hospitaalichaa kanaan dura mindaan akka kaffalamuuf gaafatanii ture mindaas dhabanii kan hidhamanis jiraachuu akka beeku jiraataan kuni ni hima.

Hojigaggeessaan hospitaalichaa Addis Standard dubbise Iyyuu’eel Bugaa jedhamu, gamasaatiin, Guraandhala 2017 kaasee rakkoon turuu ibsuun rakkoon kaffaltii mindaa osoo hin taane kaffaltii durgoofi faayidaalee garaagaraa hojjattootaaf kennamuun walqabatee kan mudate ta’uu himeera.

Hospitaalichi ogeessa fayyaa baqaqsanii hodhuu hojjatu akka hin qabne ifoomsuun hospitaalichi tajaajila kennuuf malu guutuutti kennaa akka hin jirre amaneera. Kanaan walqabatee keessumaa hadholiin dahumsaaf dhufan rakkachaa jiraachuu hojigaggeessichi ibseera.

“Ogeessi fayyaa hojicha hojjatu gita hojiisaa gadhiisee deemuu hordofee rakkoo keessa galleerra. Hakiima waliigalaa sadi qofatu hospitaalichatti hafe. Wanta gochuu dandeenyu hunda gochaa jirra. Haa ta’u malee, haadholii dahumsaaf dhufaniif riifaraalii barreessaa jirra,” jedheera.

“Riifarii kan barreessinu wal’aansa sasalphaaf osoo hin taane hadholii dahumsaa baqasanii hodhuun barbaachisuufiidha. Kanas kan goonu nageenya haadholiitiif yaaduudhaanii,” dabalee jedheera.

Dhimmicha adda baafachuuf kantiibaa magaala Kaambaa dubbisuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button