
Finfinnee, Amajjii 06, 2025 – Naannoo Affaaritti konkolaattonni boba’aa fe’anii turan iddoo addaa Sardoo Admaas jedhamutti “dhokatanii” turan too’annoo jala oolfamuu abbaan taayitaa peetrooliyamiifi anniisaa beeksise.
Abbaan taayitichaa, ibsa Amajjii 05, 2025 baaseen, konkolaattonni bootteewwanii taankara boba’aa fe’anii turan kunneen boba’aa dhoksaniiru jedheera. Konkolaattonni kunneen “hir’ina dhiyeessii boba’aa uumuuf” hojjachaa jiraachuun ibsameera.
Qaamolee hojii seeraan alaa kana raawwatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsame. “Hojiin seeraan alaa kuni mirkaneeffamuu hordofee dhaabbileen kunneen kaffaltii deeggarsa gatii boba’aatiif mootummaan baasu akka uwwisan mootummaan ni taasisa,” ibsichi jedheera.
Tarkaanfiin fudhatame kuni ministeerri daldalaafi hidhata naannoo Kaasaahun Goofee (PhD) namoota dhuunfaafi qaamolee daldala seeraan alaarratti bobba’an irratti tarkaanfii akka fudhatu torban darbe keessa beeksisuu hordofeeti.
Gochaaleen akka boba’aa karaa alidileetiin dhoksanii gurguruuf daballii gatii boba’aatiif sababa ta’uu akkasuma eerameera.
Rakkoon hir’ina dhiyeessii boba’aa naannoleefi magaalota garaagaraaa keessatti mudachuu Addis Standard gabaasee ture.
Ji’oota darban keessa magaalota biyyattii garaagaraa keessatti konkolaattonni boba’aa guuttachuuf dabareedhaan yeroo dheeraaf hiriira eeggachaa turuu hubatameera. Rakkoon hir’ina dhiyeessii boba’aa kuni daldala seeraan alaatiifi daballii gatiitiif sababa ta’eera.
Magaalaa Adaamaa, naannoo Amaaraafi magaala Hawaasaatti gurgurtaa boba’aa seeraan alaatiin gatii garmalee olka’aatiin taasifamuun walqabatee dhiyeessii boba’aa daran gadi bu’aa ta’ee argamee ture. Rakkoon hir’ina dhiyeessii boba’aa magaala Adaamaatti mudachuu akkasuma torban darbe keessa maxxansichi gabaasee ture. Sababa kanaan gatiin boba’aa liitirii tokkoo birrii 280 hanga 300 guddachuu jiraattonni himaniiru.
Naannoo Amaaraa keessatti hir’inni dhiyeessii boba’aa hammaataa turuu xumura Sadaasa 2024 keessa miidiyaan kuni gabaasee ture. Rakkoon ture hammaataa ta’uu jiraattonni magaala Baahir Daar, Gondariifi Dabra Birhaan himanii ture. Gabaa gurraachaatti gatiin boba’aa liitirii tokkoo hanga birrii 225 gahuu himanii ture.
Kana malees, naannoo Sidaamaa magaala Hawaasaatti rakkoon walfakkaataan mudachuu maxxansi kuni gabaasee ture. Konkolaachiftonni boba’aa guuttachuuf hanga guyyaa afurii hiriiranii turuu himanii ture. Sababa kanaan boba’aa gabaa gurraachaatti liitirii tokko hanga birrii 170tiin bittachuuf dirqamaa jiraachuu eeraniiru. AS