DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Raayyaa Qobbootti sodaan nageenyaa manneen barnootaa akka cufaman taasise

Finfinnee, Sadaasa 26, 2024 – Godina Walloo Kaabaa aanaa Raayyaa Qobbootti sodaa nageenyaa mul’atu hordofee manneen barnootaa hedduu cufamuu barsiisonniifi hoggansi mannneen barnootaa himan.

Dura bu’aan mana barumsa Kaatolikii sadarkaa Tokkoffaa Nigus Taganuu mana barnootaa inni hogganuufi kanneen biroo naannichatti argaman keessatti adeemsi baruufi barsiisuu addaan cituu himeera. Torban darbee kaasee manneen barnootaa cufaa turuu Addis Standard’tti himeera.

“Torban darbee kaasee barsiisuu dhaabneerra. Adeemsi baruufi barsiisuu guutumatti uggurameera. Manni barumsaa Faantaaw Dinquu jedhamu hanga guyyaa kaleessaa tajaajilaa tures har’a dhaabeera,” Niguus jedheera.

Haalli nageenyaa amma Raayyaa Qobboo keessa jiru adeemsa baruufi barsiisuu eegaluuf kan hin mijanne ta’uu Niguus dubbateera.

“Mootummaan baruufi barsiisuun akka eegalu qajeelfama dabarseera. Haa ta’u malee, uggurri hidhattoonni Faannoo taasisan barnoonni akka addaan citu nu dirqisiiseera,” dabalee jedheera.

Kana malees, barsiisonni naannicha keessatti argaman mindaan ji’a Sadaasaa jalaa harkifachuun dhiyeenya kana guyyaa sadi dura kaffalamuufii Niguus dubbateera.

Walumaagalatti haalli baruufi barsiisuu manneen barnootaa aanaa Qobboo keessatti argaman sababa lola hidhattoota Faannoofi humnoota mootummaaa gidduutti raawwatamuun addaa citee jiraachuu Niguus dubbateera.

Manneen barnoota akka Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Magaala Qobboo, Mana Barumsa Sadarkaa Tokkoffaafi Sadarkaa Lammaffaa Ifa Beekumsaa, Mana Barumsa Sadarkaa Tokkoffaa Miliniiyamiifi Mana Barumsa Addis Alamitti barnoonni cufamuu Niguus eereera.

Mootummaan marii gaggeessuun barnoonni akka itti fufu qajeelfama haa dabarsu malee rakkoon tasgabbii jiru manneen barnootaa tajaajila akka dhaaban dirqaa jiraachuu Niguus eereera.

Haleellaan diroonii tibbana naannawa manneen barnootaatti raawwatame taateewwan sodaa nageenyaa uuman keesaa isa tokko ta’uu Niguus eereera.

Manni barumsaa Kayyuu Dariyaa ji’a tokko dura dirooniidhaan haleelamuu barsiisaan mana barumsichaa tokko Addis standard’tti himeera. Haa ta’u malee, haleellaan barattootaafi barsiisotarra gahe akka hin jirre barsiisaan kuni himeera.

Adeemsi baruufi barsiisuu kan uggurame hidhattoonni Faannoo akeekkachiisa laachuu hordofeeti. “Haalli jiru baruufi barsiisuuf hin mijatu. Mana barumsaa keenya keessatti ji’a Fulbaanaa keessa barataa galmeessinee ture. Haa ta’u malee, sababa rakkoo nageenyaatiin hojjachuu hin dandeenye,” barsiisichatu jedhe.

Manneen barnootaa akka Mana Barumsa Sadarkaa Tokkoffaa Mandafaraa, Mana Barumsa Sadarkaa Tokkoffaafi Lammaffaa Golaash, Mana Barumsa Sadarkaa Tokkoffaafi Lammaffaa Zoobiliifi Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Raamaa Fulbaanaa 2024 kaasee tajaajilli barnootaa addaan cituu barsiisaan kuni himeera. Akkasumas, manneen barnootaa akka Mindeenaa, Haarbeetiifi Darbaa Fulbaana 2023 kaasee tajaajila barnootaa dhaabuu barsiisaan kuni dubbateera.

Naannoo Amaaraatti barattoonni miliyoonaan lakkaa’aman barnoota addaan kutuu gabaasonni garaagaraa ni mul’isu.

Naannoo Amaaraatti gochaan baruufi barsiisuu jeeqamuuu Addis Standard ji’a Fulbaanaa keessa gabaasuun ni yaadataama.

Barattoota miliyoona torba galmeessuuf karoorfamee keessaa barattoonni miliyoona lama qofti galmaa’uu biiroon barnoota naannichaa ifoomsee ture.

Lolli hidhatoota Faannoofi humnoota mootummaa gidduutti naannichatti gaggeeffamaa jiru gaaga’ama qaqqabsiisaa jiraachuu hordofee adeemsi baruufi barsiisuu dhiibbaa jalatti kufeera. AS

Related Articles

Back to top button