DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Saa’udii Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa daangaa biyyattii qaxxaamuruu yaalan ajjeesuu HRW beeksise

Finfinnee, Hagayya 21/2023 – Eegdonni daangaa Saa’udii Arabiyaa lammiilee Itoophiyaa karaa Yamaniin daangaa biyyattii qaxxaamuruu yaalan ajjeesuu dhaabbatni falmaa mirgoota namoomaa idil addunyaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) beeksise. 

Dhukaasa eegdota daangaa Saa’udii Arabiyaatiin banameen Adoolessa 2022 hanga Waxabajjii 2023’tti lammiilee Itoophiyaa dhibbaatamaan lakkaawwaman daangaarratti ajjeefamuu eeruun gochaan kun yakka namoomaati jechuun HRW balaalefateera. 

Mootummaan Saa’uudii haala dubartootaa fi daa’imman hedduu dhoksaadhaan ajjeesaa karaa biraatiin maqaa gaarii uumachuuf jecha Ispoortii addunyaatiif qarshii biliyoonaan lakkaa’amuu dhangalaasaa jiraachuu ibsichi eereera. Akkasumas, mootummaan Saa’udii seera baqattoonni fi koola galtoonni akka ajjeefaman labsu kamiyyuu akka dhabamsiisu gaafateera.

Biyyoonni dhimmichi yaaddessu hundinuu itti gaafatamummaa mirkaneesssuuf mootummaa Saa’udii irratti dhiibbaa akka taasisanii fi dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii dhimmicha akka qoratu HRW gaafataeera.  

Eegdonni daangaa Saa’udii godaantota daangaa qaxxaamuruu yaalan irratti meeshaa waraanaa gurguddaa dhoohanii fi kan dhiyeenyarra jiran rasaasaan ajjeesuu ibsi HRW addeesseera.

Qaamoleen tika daangaa kunneen qaama kam rukutamuu akka filatan imaltoota erga gaafatanii booda dhukaasanii miidhaa jiraachuu gabaasichi dabalee addeesseera.  Itoophiyaanonii 750,000’tti dhiyaatan Saa’udii Arabiyaa keessa jiraachuu gabaas dhaabbatichaa eereera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button