DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Sandaafaatti konkolaachiftoonni baajaajii "leenjii milishaadirqamaa" akka fudhatan ajajaman

Finfinnee, Muddee 30, 2024 – Naannoo Oromiyaa magaala Sandaafaatti konkolaachiftoonni baajaajiifi gaarii fardaa “dirqamaan akka leenji’an” ajajni darbuu konkolaachiftoonni Addis Standard‘tti himan.

Akkaataa qajeelfama kanaatiin, konkolaachiftoonni baajaajiifi gaarii fardaa hundi ganama sa’aatii 12:30 hanga 3:00 tti “leenjii tika nageenyaa” akka fudhatan ajajamaniiru. Qajeelfamni kuni tajaajila geejjibaarratti dhiibbaa uumeera.

Jiraattonni magaalattii Addis Standard’tti dubbise akka himaniitti, sababa leenjii kanaatiin Muddee 27, 2024 irraa kaasee hanga Amajjii 09, 2025tti konkolaachiftoonni baajaajiiffi gaarii fardaa tajaajila geejjibaa kennuu dhaabaniiru.  

Magaalattiitti konkolaachisaa baajaajii Leellisaa Maaruu (Maqaan jijjiirame) jedhamu ajajni darbe kuni galii guyyaasaarrattti dhiibbaa uumuu hima. “Ani barattoota geejjibuun galii argadha. Barattoota 14 waliin waliigaltee qaba. Haa ta’uu malee, sababa leenjii milishaa kanaatiin kaayyoo koo galmaan gahuu hin dandeenye. Maamiloota kanneen nana dhaba soda jedhuun qaba,” jedheera.

Leenjiin kuni mooraa warshaa omisha meeshaa annisaa aduu Sandaafaa keessatti argamu keessatti akka gaggeeffamu eeruun leenjiin kuni hayyama hojii argachuuf murteessaa akka ta’e itti himamuu Leensaan ni dubbata. Haa ta’u malee, “sababa nageenyaatiiif” kan jedhuun alatti kaayyoon leenjichaa maal akka ta’ee ifatti akka hin beekne konkolaachisaan kuni ni hima.

Konkolaachisaan biraa maqaan akka hin ermane gaafate,”leenjii kana fudhachuu malee filannoo biraa hin qabu. Yoon hin fudhadhu ta’e baajaajiin konkolaachisuun maatii koo horachuu hin danda’u.”  Sababni leenjichaa ifatti akka itti hin himamin konkolaachisaan kuni eereera.

Jiraattonni Sandaafaa uggurri kuni isaan naasisuu himaniiru. Uggurri kuni jiireenyashee irratti dhiibbaa uumuu haati tokko ni himti. “Lafa 3km gara barnootaa deemuuf baajaajii fayyadamna ture. Amma garuu daa’ima koo wagga 11 qabadhee gara mana barnootaa miilaan imaluun qaba. Sana booda hojiidhaaf gara Finfinnee imala,” jetteerti.

Uggurri geejjibaa kuni jireenya idileesaarratti dhiibbaa uumuu hojjataan mootummaa tokko ibseera. “Sababa baajaajiin waliigaltee qabnu hojii dhaabeef ilma koo waggaa sagalii gara mana barumsaa ofii koon geessuu qaba. Baajaajichi sa’aatii 12:00 gurbaa koo mana barumsaa geessuuf na gaafatee ture. Haa ta’u malee, sa’aatiin kunimmoo baay’ee barraaqadha. Haati manaa koo deessuudha. Hojjattuu manaa qacarachuuf humna hin qabnu,” jedheera.

Gaariin fardaa magaalattii keessatti argaman leenjiii kana akka fudhatan waan ajajamaniif tajaajila akka hin kennine ugguramaniiru.  “Leenjii kana fudhannee waraqaa ragaa yoo hin fudhatin hojjachuu hin dandeenyu. Leenjiin kuni ganama 12:30 hanga 4:00 tti kennama,” konkolaachisaa gaarii fadaatu jedhe.

Leenjii kana booda konkolaachiftoonni kunneen hojii tika nageenyaa (roondii) kan tajaajilan ta’uu konkolaataan kuni himeera. “Leenjii kana akka xumurreen tajaajila tika nageenyaa halkanii (roondiii) fi takjaajila biroo yeroo barbaadametti ni kennina,” jedheera.

Naannoo Oromiyaatti leenjiin dirqamaa akkasii isa jalqabaa miti. Godina Horro Guduruu Wallaggaatti qonnaanbultoonni dirqamaan leenjii milishummaa fudhachaa turuu Addis Standard gabaasee ture. Qonnaanbultoonni kunneen leenjii “Gaachana Sirnaa” hin fudhatan yoo ta’e dhiyeessii qonnaa kan akka xaa’oofi sanyii filatamaa akkka hin arganne taasifama.

Naannichatti dargaggoonni dirqamaan raayyaa ittisa biyyaatiif filatamaa jiraachuu ibsameera. Komishiniin Mirga Nmaoomaa Itoophiyaa(KMNI), gabaasa Muddee 2024 keessa baaseen, taateen dirqamaan raayyaatti aakuu jiraachuu ibseera. Akkasumas, daa’ima waggaa 11 dabalatee rakkoon hidhaa jumlaafi qe’eerraa buqqisuu mudachuu eerameera. Ijoolleensaanii too’ataman gadhisiisuuf maatiin kaffaltii birrii 20,000 hanga 100,000 gaafatamu jedhame.

Dhimma leenjii dirqamaa kana qaama mootummaarraa qulqulleefachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button