ODUUSIYAASA

Oduu: Shawaa Kaabaatti haleellaa raawwatameen namoonni 3 ajjeefaman, sababa rakkoo nageenyaan barattoonni 400 Yuunivarsiitii Salaaleetti ‘ugguraman’ 

Finfinnee, Adoolessa 27/2024 – Naanoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti haleellaa haaraa hidhattoonni Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho’an raawwataniin lubbuun namoota sadii darbuu fi tokko madaa’uu jiraattoonni himan. 

Taateen kun Adoolessa 24, 2024 ganda naannoo Amaaraa waliin daangeffamtu Iluu Goda Caffeetti mudate. 

Jiraataan maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standard’tti akka himetti, hidhattoonni Faannoo humnoota nageenyaa mootummaa waliin walitti bu’uu hordofee namoota sadi Uwee Girmaa, Abduu Ibraahim, Abdulwaahid Jamaal jedhaman kan ajjeesan yoo ta’u, nama Abduu Sa’id jedhamu irratti miidhaa geessisaniiru. 

Akkasumas poolisii tokko irratti miidhaan qaqqabeera. 

Aanaan Darraatti sababa walitti bu’iinsa humnoonni mootummaa gareewwan hidhattoota Faannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin gaggeessaa jiraniif nageenyi erga boora’e bubbuleera. 

Walitti bu’iinsa tibbana mudatan hordofee barattoonni kutaa 12ffaa lakkoofsaan gara 400 ta’an torban lama dura aanicha irraa gara magaalaa Fichee, Yuunivarstii Salaalee deemanii qormaata biyyaalessaa fudhatan gara qe’ee isaanitti deebi’u akka hin dandeenye himan. 

Barattuu saayinsii hawaasaa kan taate Boontuu Girmaa, qormaata ishee erga xumurtee torban lama ta’uus ammallee yuunivarsiitichi keessa akka jirtu fi yoom gara maatii isheetti akka makamtu akka hin beekne Addis Standard’tti himteetti. 

Barataan saayinsii uumamaa kan biraa Fissahaa Abaate akka jedhetti, inni fi hiriyyooni isaa qormaata isaanii torban darbe kan xumuran ta’uus ammallee Yuunivarsiitii Salaalee keessa argamu. Itti dabaluunis, torban kana imalaaf akka qophaa’an kan itti himame ta’uus, aanga’oonni imala kana dhorkuu hime.

Abbaan barataa tokko, sababa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne filate, maatiin bulchaa aanaa Darraas ta’e qindeessitoota imala waajjira barnoota aanichaa gaafataniis hanga ammaatti deebii akka hin arganne Addis Standard’tti himaniiru.

Itti dabaluunis, daandiin Darraa gara Fichee geessu sababa waldhabdee Faannoo, Waraana Bilisummaa Oromoo, fi Raayyaa Ittisa Itoophiyaa gidduutti adeemsifamaa jiruun nageenyaaf sodaachisaa ta’uu ibseera. 

Haalli nageenyaa aanichaa hammaataa dhufuun namoota kumaatamaan lakkaa’aman kan buqqa’an yoo ta’u, irra caalaan isaanii qonnaan bultoota lafa qonnaa isaanii misoomsuu dadhaban.

Qonnaan bulaan aanichaa ganda Denyuu Wubensoo keessa jiraatan Solomoon Wubee, qonnaan bultoota Onkoloolessa 02 bara 2023 irraa eegalee lafa qonnaa hektaara kuma 20 gatanii gara naannoo ollaa Amaaraatti buqqa’an keessaa tokko. Abbaan ijoollee shanii kun akka Addis Standarditti akka himanitti, yeroo kana gara qe’ee isaatti deebi’uun maatii isaa balaadhaaf saaxiluudha. 

”Amma gargaarsa kadhachaa jirra. Qe’ee keenya, horii keenya, lafa keenyas dhiifnee jirra. Qonna bara darbee irraa oomisha kuntaala 60 eegaan ture garuu homaa hin arganne. Eegumsa dhaabbataa humnoota mootummaa jalatti gara qe’ee keenyaatti deebi’uu akka dandeenyu gaafannee turre, garuu gaaffii akkasii akka hin gaafanne nutti himame,” jechuun dabalaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanichaa Abbaatuu Alamuu, lafti qonnaa gandoota hedduu keessatti “iddoo gareewwan finxaaleeyyii kan akka Faannoo fi Shanee” socho’anitti qotamaa akka hin jirre Addis Standard’tti mirkaneessaniiru. 

Ji’a Waxabajjii keessa haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun namoota afur darbeera. Jiraattota fi aanga’oonni haleellaa kana “hidhattoota Faannoo” raawwachuu himan. 

Sana dura ji’a Bitootessa keessa hidhattoonni kun yoo xiqqaate namoota sagal kan ajjeesan yoo ta’u, manneen hedduun gubamuu isaanii Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button