ODUUSIYAASA

Oduu: Sochii hidhannoo gamaa gamana gaggeeffamuun mootummaa injifachuu hin danda’amu: MM Abiy Ahmad

Finfinnee, Sadaasa 14/2023 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’iisaa idilee 4ffaa bara hojii 3ffaa har’a Sadaasa 14 ganama bakka Ministira Muummee Abiy Ahmad argamanitti gaggeessaa jira.  Walga’ii kana irratti MM Abiy Ahmad gaaffii miseensota mana maree irraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa dhimmoota rakkoo nageenyaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa, iddoowwan walfalmisiisoo naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduu argaman, kufaatii sirna barnoota biyyattii, fayyaa (keessattuu weerara busaa fi koleeraa), akkasumas kanneen biroo irratti xiyyeeffachuun gaaffilee hedduu dhiyeessaniiru.

Miseensi Mana Maree Obbo Abduu Haasan gaaffii MM Abiy Ahimadiif dhiyeessaniin waraana naannoo Tigraayitti waggoota lamaaf erga gaggeeffamee fi lubbuu lammiilee kumaatamaa galaafate booda waliigaltee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) waliin Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti mallattaa’e akka muuxannoo gaariitti kaasuun “rakkoo nageenyaa yeroo ammaa kana naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti deemaa jiru furuuf maal hojjetamaa jira?” jechuun kaasaniiru. 

Kana malees, miseensonni mana marichaa kanneen biroo gaaffilee adda addaa kaasaniiru. Isaan keessaa kanneen ijoo; “mootummaan haasaawwan jibbinsaa babal’achaa jiran irratti kutannoo seera kabachiisuuf qabu hammami? Lammileen hedduu du’aa fi qe’ee isaanirraa buqqa’aa jiru, hedduun hidhamanii adeemsi seeraan isaanii harkifataa jira. Haala kanaaf furmaanni maali?”

Akkasumas, dhimma hiree barattoota qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa hin dabarre fi qulqullina barnoota mirkaneessaa qabxii baratoota fooyyeessuuf hojii akka mootummaatti hojjetamaa jiru irratti gaafatamaniiru. 

Ministirri Muummee Abiy Ahimadis gaaffilee miseensota mana maree irraa ka’eef deebii laataniiru. Deebii MM Abiy gaaffilee ijoo filatamaniif deebisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Walitti bu’iinsa Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mul’atan…

“Walitti bu’iinsa kunneen lubbuu namootaa kan galaafatanii fi deemsa keenya irraa kan nu gufachiisanidha. Fedhiin keenya yeroo hundaa nagaadha. Waggoota shanan darban keessatti hanga ammaatti fedhii fi kaayyoo keenyaan waraanni hin gaggeeffamne. Kaan mootummaa kana baatii sadi keessa nan galagalcha jedhee ka’a, kaan ammoo ji’a lama na gaha jedha. Yeroos du’u mannaa jenne ittisna malee haleeluuf tarkaanfanne hin beeknu.”

“Uummatni Amaaraa fi Oromoon, jaallatanis jibbanis filannoo nagaan jiraachuuf qaban tokko qofa. Uummata obboleewwan ta’uu isaanii beekanii kabajaan waliin jiraachuu qofa qabu. Filannoon kanaan ala jiru nagaa hin fidu. Sabootni biroos akkasuma karaa kanaan ala filannoon jiru faayidaa hin qabu.”

Sochiiwwan hidhannoo gaggeeffamaa jiran…

“Sochiiwwan hidhannoo yeroo ammaa kana gamaa gamana gaggeeffamaniin mootummaa injifachuun ni ulfaata. Waraana qabbanaa (cold war) booda hidhattoota mootummaa injifatan hin jiran. Qaamolee Itoophiyaa keessatti karaa kanaan qabsa’aniis seenaa kana beekuu qabu. Garaagarummaa humnaatu jira. Rasaasni dolaaraan bitama, dolaaraan wal ajjeesu irraa yaadaan wal morkachuu wayya.”

Iddoowwan wal falmisiisaa naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduu ka’an

“Nuti rakkoo jiru adda baasnee, adeemsa furmaata rakkoo kanaa ifa gooneerra. Mootummaan Itoophiyaa, naannolee Amaaraa fi Tigraayitti nagaan akka bu’uuf dhimmi kun murtoo uummataatin yoo furame wayya jedhe amana. Kanaanis mootummoota naannolee lamaan mariisisee irratti hojjechaa jira. Garuu qaamni yaada furmaata kan biraa qabna jedhu dhaga’uuf nuti qophiidha.”

Dhimma caba sirna barnoota biyyattii…

“Jijjiiramaan booda dhimmoota torba irratti xiyyeeffatame hojjetamaa ture. Isaanis; kaarikulamii jijjiiruu, gahumsa barsiisota ijaaruu, sirna bulchiinsa barnootaa jijjiiruu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, sirna qormaata fooyyeessuu, sirna nyaata barattoota eegalu fi qulqullina barnoota olaanoo irratti hojjechuudha.”

“Qabxiin barattootaa gadi bu’uu walqabatee gorsi ani qabu ‘ijoolleen keenya qormaata bara jireenyaan kufuurraa, qormaata bara tokkoon yoo kufan wayya’ kan jedhudha. Ijoolleen amma kufan, kufanii hafan jechuu miti. Barnoota ogummaa barachuu danda’u. Sirni barnoota keenyaa barattoota kuma 600 ol barnoota ogummaadhaan keessummeessu qabna. Digirii argachuu dhabuun, baduu jechu miti.”

Fayyaa: Weerara Busaa fi Koleeraa irratti…

“Weerarri kun durse kan tilmaamameedha. Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaas dursee akeekkachiisu yaaleera. Kunis keemikaalota, agoobara fi qoricha biyya alaatii galfamee raabsuuf yaalii taasifameera. Miidhaan qaqqabe jiraatuus, hojiin hojjetamaa jiruus akkasuma guddaadha.” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button