
Finfinnee, Muddee 24, 2024 -Mootummaan federaalaa Somaaliyaa humnoonni Itoophiyaa godina Geedoo magaala Doolow keessatti “weerara ifa ta’e” raawwataniiru jechuun balaaleeffateera.
Oduun kuni kan himame, bakka bu’oonni Somaaliyaa kan ministeera ministeera dhimma alaafi tumsa idiladdunyaa Alii Omariin durfamu waliigaltee Ankaaraarratti mari’achuuf guyyaa har’aa gara Finfinnee akka imalu ifoomuu hordofeeti.
Ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa, ibsa baaseen, humnoonni Itoophiyaa ganama keessaa naannoo sa’aatii 4:00tti haleellaan taasifamuu ibseera. Haleellaan humnoonni Itoophiyaa raawwatan jedhame kuni iddoolee ijoo sadi, Raayyaa Ittisa Somaaliyaa, Waajjira Odeeffannoofi Nageenyaafi Poolisii Somaaliyaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ministeerichi eereera.
“Humnoonni Itoophiyaa haleellaa tasaa raawwachuun lubbuu loltoota Somaaliifi lammiilee nagaa ajjeeesaniifi madeessaniiru,” ibsichatu jedhe.
Haleellaan kuni yeroo waliigalteen Ankaaraa taasifamaa jirutti raawwatamuunsaa mufachiisaa ta’uu ibsichi eereera. “Weerarri kuni yeroo Somaaliyaan akkaata waliigalteee Ankaaraatiin nageenya barbaadaa jirtutti raawwatame. Waliigaltee kana cimsuuf bakka bu’ooonni olaanoon guyyaa har’aa gara Finfinnee imalaniiru,” dabalee jedheera.
“Haleellaan kuni waliigalteen Ankaaraa, dambii ittiin bulmaata Gamtaa Afrikaafi chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi olluummaan gaarii cabeera,” ibsichi dabalee jedheera.
Humnoota Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti iddoo magaala Doolowitti dhiyeenyatti jirutti haleellaan turuu miidiyaaleen Somaaliyaa ganama har’aa gabaasanii ture. Humnoonni Itoophiyaa buufata xiyyaaraa naannichatti argamu dabalatee iddoolee ijoo garaagaraa kan tiksan ta’uu ibsameera.
Somaaliyaan humna birmadummaashee cabsuuf “obsa kan hin qabne” ta’uu ibsiteerti. ”Gochaan tokkummaa daangaa Somaaliyaafi mirga uummataa cabsu akkanaa iddoo jirutti cal’ifnee hin ilaallu,” jetteerti.
Hanga oduu kuni maxxanfamutti dhimma kanarratti ibsi mootummaan Itoophiyaa laate hin jiru. AS