ODUUSIYAASA

Oduu: Sulxaaneetiin Affaar haleellaa diroonii "gargar hin baafanne" Jibuutiin raawwatte balaaleffate

Finfinnee, Guraandhala 13, 2025 – Tuutni Sulxaaneetii Affaar Sulxaan Ahmad Aliimiraah Hanfaareen durfamu haleellaa diroonii “gargar hin baafanne” raayyaan ittisa Jibuutii “lammiilee nagaa Affaariirratti” Amajjii 30, 2025 raawwate “yakka sukaneessaa nama addaan hin baafanneedha” jedheera.

Tuutichi ibsa baaseen, haleellaa kana “cimsee akka balaaleffatu” eeruun haleellaa kanaan lammiileen nagaa daa’imman, dubartootaafi maanguddoon ajjeefamuu ibseera. 

Lammiileen jiraattota baadiyyaa ta’an  “garajabinaan haleelaman” kunneen durumaa rakkoo hir’ina miidhaan nyaataafi beela waliin walfalmaa kan turaniidhas jedheera.

“Humni nageenyaa Jibuutii Sa’aatii afurii oliif karaa hedduu haleellaa diroonii lammiilee nagaarratti fulleeffate raawwataniiru. Haleellaan kuni duguggaa sanyii karooraan raawwatameedhas” jedheera.

Daangaa Jibuutiifi Affaarii aanaa Alidaar ganda Siyyaruu jedhamutti haleellaa diroonii raawwatameen namoonni saddeet ajjeefamuu jiraattota wabeeffachuun Addis Standard gabaasee ture.

Jiraataan eenyummaansaa akka hin eeramne gaafate “halkan keessa haleellaan hedduu raawwatamuu” fi dubartii ulfaafi obboleeyyan lama dabalatee “namoonni saddeetii ol ajjeefamuu” himee ture. Haleellaan kuni raayyaa ittisa Jibuutiitiin raawwatamuu jiraattonni naannicha himaniiru. Haleellaan biraa kanaan dura raawwatamuu eeruun inni kuni “si’a lammataaf” gaggeeffamuu jiraattonni eeraniiru.

Ministeerri raayyaa Jibuutii, deebii laateen, guyyaa eerametti haleellaa diroonii gaggeessuu amanuun haleellaan kan raawwatame “daaangaa isaa [Jibuutii] keessatti” iddoo Addortaa jedhamu kan daangaa Itoophiyaarraa kiloomeetira jaha fagaatee argamutti ta’uu eereera. Haleellaa kanaan “finxaaleyyii saddeet” ajjeefamuu mnisteerichi addeesseera.

Kana malees, “torbanootaaf sakatta’iinsa” erga gaggeessee booda “buufata waraanaa” garee kanaa haleeluun “qabeenya garichaa barbadeessuu” eeruun rakkoon lammiilee nagaarra gahe yoo jiraate qoratamaa jiraachuu ibsuun namoota gargaarsa barbaadaniif gargaarsi namoomaa ergameera jedhe.

Mootummaan Jibuutii haleellaa finxaaleyyiirratti xiyyeeffate gaggeessuu amanuu eeruunsaa “soba ifa ta’eefi abdii kutachiisaa” ta’uu ibsi Sulxaanetichi baase eereera. Haleellaan kuni “ajjeechaa tooftaawaafi dhiibaa’ummaa mootummaan” ummata Affaarirratti raawwateedha jedheera.

Sulxaaneetichi “tarkaanfiin idiladdunyaa hatattamaa” akka fudhatamuufi dhaabbileen mirga namoomaa, qaamoleen seeraafi hawaasni idiladdunya taatee kana qoorachuun namoota itti gaafatamuu qaban seeraan akka gaafatu gaafateera. “Lammiileen miidhamaniifi maatiidhaaf haqni osoo hin baafamin yeroo dheeraaf tureera,” ibsichatu jedhe.

Gaammaa Alii Orbiis, Kaakkoo Alii Orbiis, Mohaammad Aydahiis, Alii Mohaammad Kaakoo, Ayishaa, Baadul Aliifi ijoolleshee umrii 10 hanga 13 ta’an Mohaammad Huumad,Alii, Daawuud Hammaaduu,fi Gohaar Alii Omar jedhaman lammiilee haleellaa Kanaan ajjeefaman ta’uu Sulxaaneetichi eereera.

“Haqa baasuufi walqixxummaa mirkaneessuun” yoo barbaachiseeef ragaa qorannoof oolu kan akka suuraa miidhamtootaa gahaa qabaachuu Sulxaaneetichi ibseera. AS

Related Articles

Back to top button