ODUUSIYAASA

Oduu: Waldhabdee hooggansa ABUT gidduutti uumame hordofuun hiriirri mormiifi deeggarsaa dhorkame

 Finfinnee, Hagayya 12, 2024 – Dura taa’aan Paartii Adda Bilisumma Ummata Tigraay (ABUT) Dabra Tsiyoon G/Mikaa’el (PhD) murtee boordiin filannoo biyyaalessaa paartii isaanii akka haaraatti akka galmaa’u dabarse akka hin fudhanne beeksisan.

Murteen ABUT akka paartii haaraatti akka galmaa’u darbe ‘Waliigaltee Piritooriyaa kan cabsuudha” ta’uu Dabratsiyoon ibseera. 

Ibsa ABUT kana hordofuun, Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa Hagayya 6, 2016 baaseen “dhimma seera-qabeessummaa ABUT furuuf mootummaan wanta gochuu danda’u hunda godheera,” jechuun ABUT murtee boordiin filannoo dabarsee akka kabaju akeekkachiiseera.  

Itti aanaan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay fi Hogganaa Biiroo Nageenyaa Leetnaant Janaraal Taaddasaa Warradaa, “nageenya naannichaa fi nageenya ummataa balaadhaaf waan saaxiluu danda’uuf” waldhabdeen siyaasaa Tigraay keessatti deemaa jiru kanaan walqabatee hiriirri deeggarsaas ta’ee mormii dhorkaa ta’uu beeksiseera. Akkasumas “garaagarummaan ilaalcha siyaasaa hoggantoota olaanoo ABUT gidduu jiru karaa nagaa akka furamu” abdiin qaba jechuun ibseera. 

“Nagaa naannichaafi nageenya ummataa tiksuuf jecha yeroo hin murtoofneef hiriira deeggarsaa yookiin mormii gaggeessuun dhorkaadha. Waldhabdeen siyaasaa gara rakkoo nageenyaa kamittuu akka jijjiiramneef hiriira kamiyyuu humni nageenyaa hin eeyyamu,” Janaraal Taaddasaan jedheera. 

Odeeffannoon Televiziyoona naannoo Tigraay irraa arganne akka agarsiisutti nageenya jiraattota naannichaa irratti rakkoon kamuu akka hin uumamneef mootummaan naannichaa  hojjechaa akka jiru mul’isa. 

Gama biraatiin, dura taa’aan ABUT Dabra Tsiyoon G/Mikaa’el (PhD) dhimmoota yeroo ilaalchisee ibsa miidiyaalee naannichaaf kennaniin, murtee boordiin filannoo biyyaalessaa haal-duree addaatiin paarticha galmeessisuuf murteesse akka hin fudhanne beeksisaniiru.  

Dura taa’aan Dabra Tsiyoon G/Mikaa’el “Paartichi Boordii Filannootiin beekamtii akka argatuuf jecha qabsoo qaalii wareegama lubbuu ummanni Tigiraayi baasee hin gufachiifnu,” jechuun “murteen kuni waliigaltee nagaa Piritooriyaa kan cabsuudha jedhan. 

Seera-qabeessummaa paartichaa ilaalchisee mootummaa federaalaa waliin mariin gaggeeffamaa akka ture kan eeru Daabratsioon G/Mikaa’el, “Seeraa qabeessummaan paartichaa akka deebi’u waliigalteerra gahamee ture. Haa ta’u malee, Hagayya 3, 2016 irraa eegalee akka haaraatti akka galmaa’u taasifameera. 

“Paartiin seenaa waggaa 50 qabu akka haaraatti akka galmaa’u gaafatamuun sirrii miti,” Dabra Tsiyoontu jedhe. 

Dura taa’aan kun ibsa boordii filannoo baaseen, “Paartiin keeenys akka haaraatti akka galmaa’u hin barbaannu, hin gaafannes. Kuni qabsoo uummatanii Tigiraayi lubbuun jiraachuuf gaggeesse bu’a-dhabeessa gochuudha,” Dabra Tsiyoo dabalee jedheera. 

 ABUT akka haaraatti akka galmaa’u murteessuun waliigaltee nagaa Piriitooriyaa akka diigamuu gochuudha ta’uu dubbachuun gochaan mootummaan federaalaa seera-qabeessumma ABUT deebisuuf fedhii akka qabu ibsuunsaa kan dinqisiifatamu ta’uu dubbateera. 

Dabra Tsiyoon paartiichi kufaa kan jiru rakkoo keessootiin ta’uu eeruun waldhabdee hoggansa paartiicha gidduutti uumame  furuuf ABUT marii akka taasisu Dabratsiyoon ibseera. AS 

Related Articles

Back to top button