DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Walitti bu’iinsi karaa nagaa akka furamuufi rakkoon hojjattootaa akka furamu konfedereeshinichi gaafate

Finfinnee, Muddee 26, 2024 – Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjetoota Itoophiyaa “walitti bu’iinsi naannolee keessatti adeemsifamaa jiru kan “lubbuu dabarsaa, qaama miidhaafi buqqa’iinsa lammiileef sababa ta’aa jiru yaaddessaa ta’uu ibseera.

Qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundi waldhabdee karaa nagaatiin hiikuuf “haal-duree tokko malee” tarkaanfii akka fudhatan gaafateera.

Konfedereeshinichi, xalayaa Muddee 25, 2024, MM Abiy Ahimadiif (PhD) barreesseen, rakkoon diinagdee yeroo ammaa jireenya hojjettootaa “balaa irra buusuu” eereera.

“Gibirri galii mindaa hojjettootaarraa deeggarsa adda addaatiif jedhamee hir’ifamu hatattamaan akka hir’ifamu gaafanna,” xalayichatu jedhe

Akkaataa labsii hojjetaa Lakk. 1156 Boordiin Mindaa Gadiaanaa akka hundeeffamu gaafachuun boordichi qaamolee dhimmicha ilaallatu sadan, mootummaa, hojjechiistotaafi hojjettoota, of keessatti akka hammatu akkasuma gaafatameera.

Xalayaan kun kan ba’e yaa’ii waliigalaa idilee 20ffaa konfedereeshinichi Muddee 18, 2024 Finfinneetti gaggeeffame hordofeeti.

Akka konfedereeshiniin kun jedhutti, yaa’ichi haala nagaa sabaafi dhimmoota ijoo hojjettootaa ilaallatu irratti marii taasiseera.

Walitti bu’iinsa biyya keessaafi naannolee biyya keenyaa tokko tokko keessatti deemaa jiruun miidhaa cimaa qaqqabsiise irratti qorannoo gaggeessuu himuun walitti bu’iinsa kanneeniin mirgi lubbuun jiraachuu hojjettootaa sarbamuu, manneen daldalaa cufamuufi barbadaa’uufi hojii dhabdummaafi rakkinni diinagdee hojjettoota mudachaa jiraachuu konfedereeshinichi eereera.

Kufaatiin diinagdee walitti bu’iinsa, qaala’iinsa jireenyaa, dhiibbaa biyyoota alaafifi waldhabdee ji’oopoolitikaa addunyaa hordofee mudate hojjattooni mindaa gadiaanaa argataniin maatiinsaanii dandamachuu akka hin dandeenye taasiseeras jedhame.

Konfedereeshinichi federeeshiniiwwan waldaalee hojjettoota industirii miseensota isaa sagal, waldaalee hojjettootaa sadarkaa tokkoffaa 2,300 oliifi hojjettoota miseensa miliyoonaan lakkaa’aman waliin ta’uun yeroo dheeraaf rakkoon kuni furmaata akka argatu leellisaa turuu ibseera.

Konfedereeshiniin kun rakkoo jireenyaa hojjettoota irra ga’u salphisuuf sirni mindaa gadiaanaa seeraan beekamtii qabu akka hundeeffamuufi kaffaltiin gibiraa akka hir’atu gaafachaa turuus ibseera.

“Gaaffii kana muummicha ministeeraaf illee dhiheessinee jirra, inni deeggarsa isaa agarsiiseera,” jedha ibsichi. “Haa ta’u malee deebii qabatamaa tokkollee kennuu dhabuun mufanneerra.”

Mootummaan federaalaa hojjettoota galii dhaabbataa qabaniif gibira galii hir’isuufi tarkaanfiiwwan dabalataa baasii jireenyaa dabalaa jiru furuuf oolan hojiirra akka oolchu gaafateera jedhame.

Konfedereeshinichi, xalayaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiif barreesseen, rakkoo jireenyaa hojjettoota mudatu salphisuuf tarkaanfiin dinagdee hatattamaa akka fudhatamu gaafachuu Addis Standard gabaasee ture.

Dhaabbanni Hojjetaa Idil-addunyaa (ILO) qorannoo gaggeesseen Itoophiyaatti mindaan ji’aa jiddugaleessaan birrii 3,000 akka ta’e ibseera. Mindaan gadiaanaan kuni hojjattoonni jireenya gadadoo akka jiraatan taasisuu qorannichi ifoomsera. Hojjettoonni warshaalee uffataa biyya alaatiin qabaman keessa hojjatan keessaa 48% kan ta’an sababa kaffaltii gahaa dhabuutiin hojii isaanii gadhiisaniiru.

Konfedereeshiniin kun seera mindaa gadi aanaa hojiirra oolchuuun murteessaa ta’uu leelliseera.

Labsiin hojjetaa fooyya’ee bara 2019 paarlaamaadhaan raggaasifame Boordiin Mindaa Gadiaanaa murteessuufi fooyyessuuf itti gaafatamummaa qabu hundeeffamuu hordofee wixineen dambiiwwan aangoofi itti gaafatamummaa boordii ibsu qophaa’ee Mana Maree Ministirootaaf dhiyaateera. Haa ta’u malee, deebiin laatame akka hin jirre konfedereeshiniin kun hubachiiseera.

Pireezidaantiin konfedereeshinichaa Obbo Kaasaahun Foolloo konfedereeshinichi deebiin mootummaarraa argate akka hin jirre afgaaffii Adoolessa 2024 keessa Addis Standard waliin taasiseen himee ture. AS

Related Articles

Back to top button