ODUUSIYAASA

Oduu: Lolli naannawa magaala Waldiyaatti taasifameen sochiin ugguramuufi yaaddoon nageenyaa jiraachuu jiraattonni himan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2024 – Lola “meeshaa gurguddaan deeggaramuun” Godina Walloo Kaabaa naannawa magaala Waldiyaatti Dilbata darbe Onkoloolessa 13 gaggeeffame hordofee sochiin geejjibaa ugguramuufi yaaddoon nageenyaa jiraachuu jiraattonni Addis standard’tti  himan.

Jiraattonni sodaa nageenyaa eeruun maqaansaanii akka hin eeramne gaafaatan Addis Standard ’tti himan akka jedhanitti, Dilbata darbe halkan keessaa naannoo sa’aatii lamaatii kaasee hanga halkan walakkaatti walitti bu’iinsi itti fufee turuu himaniiru.  

“Galgala sa’aatii lamaa kaasee sagaleen dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddaa ni dhagahama ture. Hanga halkan walakkaatti waraanni cimaan itti fufee ture,” jechuun buufata waraanaa naannoo istaadiyoomii Sheek Mahaammad Huseen Al Amuddii fi warshaa dammaatti argamurraa gara gandoota Machaaree, Madaanaalamii Jaarsaafi Qaalliim jedhamanitti “madfiin” dhukaafamaa turuu himaniiru.

Jiraataan biraa maqaansaa akka hin eeramne gaafate hidhattoonni naannoo Amaaraa Faannoo jedhanii of waaman mooraa buufata raayyaa ittisa biyyaa iddoo Gubboo jedhamutti argamurratti haleellaa banuu hordofee lolli meeshaa waraanaa gurguddaan deeggarame taasifamuu ibseera.   

“Waraanichi kan eegale Sanbata Guddaa galgala ture. Haleellaa hidhattoonni Faannoo eegalan hordofuun humni raayyaa ittisa biyyaa haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan deeggarame taasisuu eegale,”Jiraataatu jedhe.

Haleellaan cimaan haa taasifamu malee haleellaa kanaan walqabatee miidhaa lammiilee nagaarra ta’ee loltootarra gahe adda baasanii kan hin beekne ta’uu jiraataan kuni eereera. Kana malees, kutaa magaalattii Sanday jedhamuun beekamutti guyyaa kaleessaa Onkololeessa 14, 2024 haleellaan rasaasaa taasifamuu jiraattonni kunneen eeraniiru.

Naannichatti sochii geejjibaa ugguramuu, lolli darbee darbee akka dhagahamuufi rakkoon nageenyaa kuni jiruufi jireenyi jiraattotaa danquu jiraattonni dabalanii ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti lolli humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo jedhanii of waaman gidduutti tibbana cimee itti fufuun gabaafameera.

Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Minjaar shankooraatti Fulbaana 27 ALI’tti waraanni meeshaa waraanaa gudguddaan deeggarame taasifamuu jiraattoonni Addis Standard’tti himaniiru. Haleellaa kanaan magaala aanaa Baalc jedhamu keessatti manneen jireenyaa barbadaa’uu dabalanii himaniiru.

“Mortaariin manneen jireenyaa dhuunfaarratti kufeera,” jiraataatu jedhe. Akkasumas, gandoota Barakatiifi Arartii jedhaman keessatti waraanni cimaan taasifamuu  jiraattonni ni himu.

Naannoo Amaaraatti humnoota mootummaafi hidhattoota kanneen gidduutti yeroo garaagaraafi iddoolee garaagaraatti waraanni turuu Addis Standard gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button