ODUUSIYAASA

Oduu: Waraanni Eertiraa naannolee Itoophiyaa seeraan ala qabatee jiru gadhiise akka bahu Gamtaan Awurooppaa gaafate

Finfinnee, Onkoloolessa 27/2023 – Gamtaan Awurooppaa akkaataa murtee Kominishinii Daangaa Itiyoo Eertiraatin waraanni Eertiraa naannolee Itoophiyaa gadhiise akka bahu gaafateera. Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaan walqabatee ibsa gamtichi baaseen yakka waraanni Eertiraa lammiilee nagaa irratti raawwateera jedhame irratti qorannoo walabaa akka gaggeeffamu hubachiise.  

Qorannoon walabaa gaggeeffamuun miidhamtoota Tigraay keessa fi ala jiran waraana Tigraayitti gaggeeffameen miidhaman haqa akka argatan dandeessisa jedhe. 

Gamtichi ibsa isaatiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Eertiraa ilaalchisee gabaasa baaseen lammiileen Eertiraa hedduun seeraan ala hidhamaa jiraachuu fi hedduun isaanii eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uun isaa ibsamuun akka isa yaaddeessu ibseera.

Ibsichi mootummaan Eertiraa lammiilee isaa eessa akka jiran akka beeksisu kan gaafate yoo ta’u, lammiileen Eertiraa hidhaman akka hiikaman gaafateera.

Gamtichi ibsa baaseen mootummaan Eertiraa sirna tajaajila waraanaa biyyoolessaa daa’immaniif kennu akka dhaabu gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button