DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Bulchiinsi Finfinnee kolleejjii dhuunfaa 25 uggure

Finfinnee, Muddee 07, 2023 – Bulchiinsa magaala Finfinneetti abbaa taayitaa qulqullina barnootaa Koolleejjiiwwan dhuunfaa 25 bara barnootaa 2016 barattoota haaraa kamiyyuu akka hin galmeessine ugguruu beeksise.

Magaala Finfinneetti abbaan taayitaa qulqullina barnootaa too’atu akka ifoomsetti, koolleejjiiwwan kunneen odeeffannoo akka dhiyeessan bulchiinsi magaalattii xalayaadhaan gaafate odeeffannoo gaafataman dhiyeessuuf eeyyamamoo ta’uu dhabuu isaaniitiin uggurri kuni irra kaa’amuu beeksiseera.

Kolleejjii Kuwiins, kolleejjii Rooyaal, kolleejjii Maaykirooliink, kolleejjii Laayoon, Kolleejjii Yuunisan Vizhiin, Koolleejjii Tiroopikaal, Kolleejjii Addis, Kolleejjii Orbiit, Yuunivarsitii Kolleejjii Riift Vaalii, Kolleejjiii Baayoos, Kolleejjiii  Biraayt, Kolleejjiii Yuunivarsaal Staandaard, Kolleejjii Aykiiw, Kolleejjii intarnaashinaalaa Biizinasiifi Teeknoolojii, kolleejjii intarnaashinaal Andinnatiifi Kolleejjiii maanjimantiifi hoteelaa Kaappitaal

Kolleejjoonni kunneen aabba taayitichaa irraa ulaagaalee barbaachisan guutaniifi eeyyama osoo hin argatin bara banoota 2016 barattoota haaraa galmeessuu hin danda’an jedheera.

Dhaabbileen kunneen hanga 30/03/2016tti odeeffannoo gaafataman hin dhiyeessan taanaan eeyyamni hojiisaanii guutuumatti kan haqamu ta’uu abbaan taayitichaa akeekkachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button