DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Oromiyaa Aanaa Fantaalleetti sababa kirkira lafaan fedhiin gargaarsa namoomaa “cimaa” jira: Madaallii

Finfinnee, Amajjii 27/2025 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti hawaasni kirkira lafaa, walitti bu’iinsaa fi hongee dabalatee rakkoolee hedduu isa mudachaa jiruun fedhii gargaarsa namoomaa naannoo sanii “cimaa” ta’uu madaalliin dhiibbaa kirkira lafaa dhiheenya kana aanichatti gaggeeffamu mul’ise.

Madaalliin mootummaa fi michoota gargaarsa namoomaa waliin ta’uun gaggeeffame kun akka agarsiisutti, dhiibbaa sadarkaa bulchiinsa gadi aanaa irratti gahaa jiruu haalaan ulfaataa ta’uu eereera. Keessattuu ganda Dagaa Heduu fedhii namoomaa “cimaa” akka mudatutti kan ramadame yoo ta’u, gandi Bantii ammoo haala “garmalee hamaa” keessa akka jiru ibsameera.

Gabaasni kun Haroo Qarsaa, Deebitii, fi Qobboo dabalatee gandoota naannoo gaara Fantaalleetti balaa kanneenii fi fedhii namoomaaf saaxilamoo ta’an adda baaseera.

“Iddoowwan madaalaman irra caalaan isaanii dhiibbaan kirkira lafaa haala jireenyaa irratti qabu baay’ee ol’aanaa akka ta’e kan himame yoo ta’u, naannichatti namoota afur keessaa sadii haala kanaan miidheera,” jedha madaalliin taasifame. 

“Buqqaatonni hedduun naannoo magaalaa Matahaaraatti haala ulfaataa keessa jiraachaa jiru. Nyaata, bakka jireenyaa ykn meeshaalee nyaataa hin taane barbaachisoo ta’an gahaa malee jiraatu. Buqqa’iinsa tasaan meeshaa isaanii fiduu waan hin dandeenyeef, matta’aa ykn pilaastikii malee dirreetti rafaa jiru.”

Dabalataanis balaawwan fayyaa hawaasaa gurguddoo kirkira lafaa kanaan maddan kan ibse yoo ta’u, bishaan qulqulluu fi qulqullina naannoo argachuun daangeffamuun carraa “weerara dhukkubaa” akka dabalu taasisuu ibseera.

Dhuma baatii Fulbaana bara 2024 irraa eegalee kutaaleen Affaar, Oromiyaa, fi Amaaraa sochii kirkira lafaa guddaa kan mudate yoo ta’u, dhiibbaan isaa hanga magaalaa guddoo biyyaattii Finfinneetti ga’eera.

Torbanoota darban keessa sochiin kirkira lafaa cimee kan dhufe yoo ta’u, guyyaatti giddu galeessaan kirkira Rektar Iskeelii 4.3 hanga 5.8 ta’an shan galmaa’u. Giddugalli kirkira lafaa kanaa naannoo Affaar keessa yoo ta’u, dhiibbaan isaa babal’atee aanaa Fantaallee “gandoota 18 hunda” miidhuu madaalliin tibbana gaggeeffame mul’iseera. 

Kirkirri lafaa giddugala isaa naannawa Awaash Fantaalleetti godhachuun irra deddeebiin mudachaa jiruun naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaatti jiraattota kuma 10tti siqan qe’ee isaanirraa buqqa’uu Addis Standard gabaasee ture. 

Kunis kan naannoo Affaaritti namoota 60,000, naannoo Oromiyaatti ammoo 20,000 buqqa’an waliin dabalamee, waliigalatti lakkoofsi namoota kirkira lafaa tibbana naannolee sadeen keessatti mudateen qe’ee isaanirraa buqqa’an gara kuma 100tti akka siqu taasiseera.

Torban darbe namoonni balaa kanaan qe’ee isaanii irraa buqqa’an nyaata, bishaanii fi dhiyeessii barbaachisoo ta’an biroo gahaa argachuu dhabuu isaanii iyyachuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button