Oduu: Oromiyaa “buqqaatota irraa bilisa gochuuf” hojjetamaa jiraachuu mootummaan naannichaa ibse

Finfinnee, Guraandhala 10/2025 – Naannoo Oromiyaa dhuma baranaatti buqqaatota irraa bilisa gochuuf” hojjetamaa akka jiru Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbatan. Hanga ammaatti buqqaatota gara 900,000 ta’an qe’eetti deebifamuu eeran.
Obbo Awwaluun kana kan dubbatan yaa’ii Caffee idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa kaleessa Guraandhala 09, 2025 gaggeeffame irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’eef wayita deebii laataniidha.
Naannichatti waggoottan afran shanan darban keessatti buqqaatoota miliyoonaan lakkaa’aman akka turan kan kaasan Obbo Awwaluun, mootuumman hawaasa waliin ta’uun namoota kanneen qe’ee isaanitti akka deebi’aniif hojii bal’aa taasisa akka jiru himan.
“Bara baranaa isa dhumaatiif Oromiyaa buqqaatota irraa bilisa goonee namni qe’ee ofitti deebi’ee deeggaramu qaba jenne hojjechaa tureerra. Yoo xiqqaate nama miliyoona 1 ol ta’uutu buqqa’e ala ture. Haata’u malee yeroo ammaa gara nama kuma 900 ta’an qe’eetti deebisne,” jedhan.
Kana malees, hanga dhuma bara kanatti buqqaatota guutuu isaanii qe’ee isaanitti deebisuu fi deeggarsa barbaachisa ta’e qe’ee isaanii irratti akka argataniif hojjatama jiraachuu dubbatan.
“[Buqqaatonni] Jimma keessa jiru, Wallagga aanaalee Saasiggaa fi Haroo Limmuu keessa jiru, Baalee Bahaa jiru, Boorana keessa aanaa Goomolee jiru. Isaan kana adda baafnee bakkeewwan nu hafte irratti bara baranaa xumurree buqqa’aa irraa bilisa goona jenne hojjechaa jirra,” jedhan.
Obbo Awwaluun, bara itti aanuu ammoo namoota kanneen guutummaatti deeggarsa irraa bilisa gochuun mootummaan naannichaa karoora baasee hojjechaa akka jiru kaasan. “Sangantaa deeggartummaa irra gara oomishtummaa jedhuun buqqaatota deeggarsa irraa bilisa ni baasan,” jedhan.
Haata’u malee rakkoolee uumamaa mudachuu malan kanneen akka hongee fi kanneen biroof deebiin barbaachisaa akka laatamuuf karaa Busaa Gonofaatin qophiin godhamaa akka jiru himan.
Naannoo Oromiyaatti walitti bu’iinsa fi hongee waggootaaf jiraattota naannichaa goolaa jiran dabalatee sababoota garagaraan lammiileen miiliyoonaan lakkaawwaman qe’ee isaanirraa buqqa’uun rakkoof saaxilamaa turaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR) gabaasa Adoolessa 2024 keessa baaseen, naannoo Oromiyaa keessatti lammiileen sababa walitti bu’iinsaa fi hongeetin qe’ee isaanii irraa buqqa’an miiliyoona 1 ol jiraachuu ibsee ture.
Gabaasni kun akka ibsetti, buqqaatonni harki caalaan (dhibbeentaa 65) sababa walitti bu’iinsa naannoo isaaniitti uumameen qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, dhibbeentaan 18 ammoo sababa hongee uumameen kan buqqa’an ta’uu ibseera.
Kana malees gabaasa Addis Standard ji’a Bitootessa 2024 maxxanse akka ibsutti, namoonni Lixa Oromiyaa keessatti sababa walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota al-idilee hirmaachiseen qe’ee isaanirraa buqqa’an rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru. AS