Oduu: Oromiyaatti buqqaatonni miliyoona 1 ol ammallee gara qe’ee isaaniitti akka hin deebine UN ibse
Finfinnee, Adoolessa 16/2024 – Naannoo Oromiyaa keessatti lammiileen sababa walitti bu’iinsaa fi hongeetin qe’ee isaanii irraa buqqa’an keessaa kuma 37 ol kan ta’an gara qe’ee isaaniitti kan deebi’an ta’uus, ammallee naannicha keessa buqqaatota miiliyoona 1 ol jiraachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR) gabaasa baaseen, sadarkaa biyyaalessaatti lammiilee miiliyoona 2.5 ol gara qe’ee isaanii deebi’uu ibseera. Haata’u malee, buqqaatonni miiliyoona 4.3 ol ta’an ammallee gara qe’ee isaanii akka hin deebine eere.
Gabaasni kun akka ibsetti, buqqaatonni harki caalaan (dhibbeentaa 65) sababa walitti bu’iinsa naannoo isaaniitti uumameen qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, dhibbeentaan 18 ammoo sababa hongee uumameen kan buqqa’an ta’uu ibseera.
Buqqaatota biyyattii keessa argaman keessaa baay’inaan kan argaman naannoo Somaalee keessatti yoo ta’u, naannichi buqqaatota miiliyoona 1.3 ol keessummeessaa akka jiru eerameera.
Naannoo Oromiyaa ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 64 qabachuun sadarkaa lammaffaa, naannoon Tigraay ammoo buqqaatota miiliyoona 1 fi kuma 21 qabaachuun sadarkaa sadaffaarra argama.
Naannoo Amaaraa keessattis buqqaatota kuma 436 ol akka argaman ibsameera.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa isaatin, hanga Waxabajjii 30, 2024tti lammiilee miliyoona 2.5 gara qe’ee isaaniitti deebi’an keessaa naannoo Tigraayitti namoonni 967,257 gara qe’eetti deebi’uu fi ammallee kanneen miliyoona tokko ol buqqa’anii argamuu ibsameera.
Naannoo Oromiyaattis namoonni 137,230 ta’an gara qe’ee isaanitti kan deebi’an ta’uus, ammallee kanneen miiliyoona tokko ol ta’an gara qe’ee isaanitti deebi’uu akka hin dandeenye ibseera.
Gabaasa Addis Standard ji’a Bitootessa 2024 maxxanse akka ibsutti, namoonni Lixa Oromiyaa keessatti sababa walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota al-idilee hirmaachiseen qe’ee isaanirraa buqqa’an rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru.
Dhaabbatichi gabaasa isaatin, lammiileen biyyoota gara garaa miiliyoona tokko ol Itoophiyaa keessatti qubatanii kan argaman ta’uu ibseera. AS