Oduu: Oromiyaatti qonnaan bultoota fi hojjettoonni mootummaa 'deeggarsa milishaaf' birrii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu himan
Finfinnee, Sadaasa 09/2024 – Naannoo Oromiyaatti qonnaan bultoota, hojjettoota mootummaa dabalatee jiraattonni deeggarsa sagantaa nyaata barattootaa fi baasii milishaatif oolu jedhamee birrii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu himan.
Qonnaan bulaan godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, jalqaba bara 2024 irraa eegalee jiraattonni sagantaa nyaata barattootaa, uffata milishaa, fi dhiyeessii nyaata milishaaf maallaqa akka gumaachan gaafatamuu himan.
”Bulchaa gandaa miseensota milishaa waliin ta’uun gara mana keenya dhufa. Maallaqa uffataa fi nyaataa milishootaaf oolu akka kenninu nu gaafatu,” jedhan.
Qonnaan bulaan kun itti dabaluudhaan haala irra deddeebii fi maalummaa gaaffiiwwan kanaa garaagarummaa qabaachuu hime. “Jalqaba irratti yunifoormii milishaadhaaf maallaqa gaafatu. Guyyoota muraasa booda kan nyaata milishaaf oolu nu gaafatu,” jechuun himan.
Yeroo baay’ee maallaqni gaafatamu bal’ina lafa qonnaan bulaa sanarratti kan hundaa’u ta’uu eeruun, isaan dhiheenya kana nyaata barattootaaf, nyaata fi uffata milishaaf birrii 1,000 akka kennan gaafatamuu isaanii dubbataniiru.
Barbaachisummaa sagantaa nyaata barattootaa irratti kan amanan ta’us, hanga ammaa “nyaanni tokkollee barattootaaf hin kennamne” jedhan.
Qonnaan bulaan kun itti dabaluudhaan gaaffiiwwan kana mormuun balaa akka qabu himateera. ”Yoo mormine gara waajjira poolisiitti geeffamna,” jechuun dhimma ollaa isaanii maallaqa gaafatame kaffalu diduun guyyoota torbaaf hidhamanii turan akka fakkeenyaatti kaasuun dubbataniiru.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Shaashamanneetti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kan ta’e Tesfaayee Tolosaa (maqaan kan jijjiirame) mindaa ji’aa birrii 6,000 irraa maallaqa hir’ifamuun yaaddoo qaban ibsaniiru. Qaala’insa jireenyaa dabalaa dhufuun duraanuu fedhii bu’uuraa maatii isaa guutuuf akka rakkisaa itti taasise ibse.
Tasfaayeen ji’atti birrii 600 hanga 700 ta’u deeggarsa milishaa jedhamee akka irraa kutamu hime. “Kun jireenya barsiisotaa fi hojjettoota mootummaa ulfaataa taasisaa jira,” jedhan. “Yeroo tokko tokko deeggarsa namoomaa ykn milishaaf akka ta’e osoo nu hin beeksisin mindaa keenya irraa hir’isu.”
Jiraattonni Oromiyaa milishaa naannoo keessatti gumaacha akka godhan aanga’oota mootummaatiin dirqisiifamuu isaanii yeroo himan kun isa jalqabaa miti.
Kanaan dura Addis Standard sirna milishaa fi Gaacha Sirnaa keessatti qonnaan bultoonni akka leenjii fudhatan humnaan dirqisiifamaa jiraachuu gabaasuun isaa ni yaadatama. AS