Finfinnee, Sadaasa 20, 2024 – Naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti taateen namoota fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafatamuun hammaachuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.
Jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee sababa nageenyaatif maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, yeroo ammaa kana barattoota, qonnaan bultoota fi daldaltoota dabalatee namoonni 250 ol humnaan leenjii waraanaaf fudhatamuu himeera.
Itti dabaluunis, humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguu kun osoo hin jalqabin dura gandoota adda addaa fi magaalaa Fittaal keessatti namoonni fedhii qaban leenjii waraanaaf akka galmaa’an beeksisni bahee akka ture himeera.
Haa ta’u malee, namni “fedhii isaatiin galmaa’e waan hin jirreef” humnoonni mootummaa fi bulchitoonni gandaa dargaggoota naannoo sanaa humnaan leenjii waraanaatti galchuu akka jalqaban taasisuu hime.
Jiraataan kun itti dabaluun, dargaggoota leenjii waraanaaf qabamuun torban darbe aanaa Yaayyaa Gullallee gandoota 19 keessatti jalqabuu hime. “Humnoonni mootummaa dargaggoota gabaadhaaf gara magaalaa Fittaal imalan to’annaa jala oolchaa turan,” jedhe.
“Humnoonni mootummaa dargaggoota kanneen erga qabaniin booda gara magaalaa Fittaal, itti aansuun gara kaampii waraanaatti ergan. Gariin Raayyaa Ittisa Biyyaatiif leenjii fudhachaa kan jiran yoo ta’u, kaan ammoo gara mooraa leenjii milishaatti ergamaa jiru,” jechuun ibse.
Itti dabaluun, gandoota baadiyyaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti Waraanni Bilisummaa Oromoos dargaggoota leenjii loltummaaf ukkaamsaa jiraachuu hime. “Jiraattonni aanaa Yaayyaa Gullallee humna mootummaa ykn miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo argan ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti akka hin ergamneef dhokachaa jiru.”
Taateen walfakkaataa godinaalee Oromiyaa biroottis mudachaa jira. Jiraataan godina Jimmaa aanaa Saxxammaa Addis Standard dubbise, oboleessa isaa dabalatee namoonni 20 ol to’annoo humnoota nageenyaa mootummaa jala ooluun kanneen birrii gaafataman kaffalan gadi lakkifamuu fi kanneen hin dandeenye gara leenjii waraanaatti ergamuu hime.
Jalqaba namoonni kunneen lafa dheedichaa bal’aa invastarootaaf dabarfamuu mormuu isaanii hordofee to’annoo jala oolan. Ergasii guyyootaaf buufata poolisii aanaa Saxxammaatti tursiifaman.
Jiraataan aanichaa kun obboleessi isaa Onkoloolessa 23, 2024 mana jireenyasaa irraa fudhatamuu eeruun, isa hiiksisuuf poolisiin tokkoon tokkoon hidhamtootaaf birrii 60,000 hanga 70,000 gidduu isaan gaafachuu hime.
Maatiin qarshii gaafatame poolisii fi qondaaltota aanaaf kaffaluu yoo dadhaban hidhamtoonni gara leenjii waraanaatti ergamuu akka danda’an ibse. Boodarra birrii 60,000 kaffalanii isa gadhiisisuu hime.
”Ganda keenya qofa osoo hin taane gandoota 18 keessatti namoonni yeroo gabaa dhaqan milishaa fi aanga’oota aanichaan qabamanii gara leenjii waraanaatti ergamaa jiru,” jedhe.
Taateen kun gandoota baadiyyaa irratti qofa kan daangeeffame miti.
Jiraattuun magaalaa Adaamaa ilmi ishee ganna 17 ta’e Sadaasa 11, 2024 taatee walfakkaataa isa mudate haala ture Addis Standard’tti himteetti. “Ijoolleen koo akaayii gurguruuf galgala gara magaalatti bahan. Sa’aatii 12:30’tti ilmi koo buufata poolisii magaalaa Adaamaatti to’annoo jala ooluu nutti himame.”
“Galgala naannoo sa’aatii 1:00 buufata poolisii yeroon deemu poolisoonni gara kaampii leenjii waraanaatti akka ergamu natti himan. Birrii 30,000 yoon kaffale garuu hatattamaan gad lakkifamuu akka danda’us natti himan,” jette.
Haati kun itti dabaluun, “nuti akaayii gurguraa jiraanna. Maallaqa hagasii gahu hin qabu; eessaa argachuu danda’a? Maallaqa kana kaffaluun humna koo oli” jechuun dhiphina ishee ibsite.
Ilmi ishee buufata poolisii magaalaa Adaamaa keessatti guyyoota shan erga dabarsee booda akkuma poolisiin akeeketti gara leenjii waraanaatti geeffamuu himte. Haati kun humna akka hin qabne ibsuun, “mootummaan na gargaaruu danda’u osoo jiraatee ilmi koo akka deebi’uun barbaada” jette.
Baatii darbe jalqabee magaalota Oromiyaa hedduu keessatti dargaggoonni fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamaa jiraachuu gabaafamaa tureera.
Kanarra darbee maatiin dargaggoota kanaa ijoollee isaanii gara leenjiitti ergamu irraa hambisuuf maallaqa kumaatamaan lakkaawwamu akka kaffalan humnoota nageenyaatin gaafatamu.
Haata’u malee Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa Sadaasa 15, 2024 baaseen, humnoonni nageenyaa mootummaa gocha maallaqaaf nama ukkaamsuu keessatti hirmaachuu tamsaasuun “olola bu’uura hin qabne” fi “maqa balleessii” jechuun kuffiseera.
“Maqa balleessiin akka kanaa wareegama qaalii, nagaa ummataa bakkatti deebisuuf humni nageenyaa keenya kaffalan waakkachuurraa kan maddu yoo ta’u, itti gaafatamummaa seenaas kan hordofsiisudha,” jedhe. AS