ODUUSIYAASA

Oduu: Paarlaamaan labsii ABUT irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatu taasisu raggaase

Finfinnee, Waxabajjii 04/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii idilee 30ffaa har’a ganama gaggeesseen labsii Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) irra deebiin Boordii Filannoo Biyaalessaatti akka galmaa’u eeyyamu sagalee caalmaan raggaase. 

Jimaata darbe, Caamsaa 31 manni maree ministirootaa walgahii idilee gaggeesseen wixinee labsii paartilee kanaan dura bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatan taasisu dabalatee dhimmoota afur irratti mari’atee sagalee guutuun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarsuu ni yaadatama.

Akkaataa kanaan, paarlaamaan har’a wixinee “labsii Filannoo, Galmee Paartiilee Siyaasaa fi Namuusa Filannoo Itoophiyaa” bara 2011 ALI bahe fooyyeessuuf dhiyaate irratti erga mari’atee booda mormii lama, sagalee caalmaan raggaaseera.

Akkaataa labsii kanaan, gareewwan siyaasaa “bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan” karaa nagaan socho’uuf wayita fedhii agarsiisan “haala addaan” qaamolee kanneen paartii siyaasaa seera qabeessa taasisuun galmeessuu danda’ama.  

Gareewwaan siyaasaa kunneen karaa nagaan socho’uu fi ijaarsa sirna dimookiraasii keessatti gumaacha bahachuu wayita fedhii agarsiisan deebisanii galmeessuuf sirna dandeessisu diriirsuuf labsii qophaa’e dhiyaachuu eerameera.

Labsiin har’a ragga’e kun, “gareen siyaasaa tokko bu’uura sochii siyaasaa nagayaa ala keessa hirmaachaa kan ture yoo ta’ee fi gocha kana dhaabuun karaa seera qabeessaan socho’uuf waliigaluu isaa qaama mootummaan yoo mirkanaa’e haala addaan paartii siyaasaa ta’ee galmaa’uu danda’aa” jedha.

Haaluma kanaanis, “sochii fincila keessa hirmaateera” jedhamuun beekamtii seera qabeessummaan isaa kan irraa muluqame ABUT, irra deebiin galmaa’u akka danda’u ibsameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa Guraandhala 13, 2024 ibsa miidiyaalee naannichaaf laataniin waa’ee ABUT beekamtii seera qabeessummaa isaa deebisee argachuu ilaalchisee wayita gaafataman, marii mootummaa federaalaa waliin Finfinneetti taasisan irratti “danqaawwan seeraa jiran furuun” ABUT paartii seera qabeessaa ta’ee akka galmaa’u waliigaluu isaanii dubbachuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button