
Finfinnee, Muddee 17/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 11ffaa har’a gaggeesseen labsii waggootaaf eegamaa ture, baankonni biyya alaa damee faayinaansii Itoophiyaa keessa akka seenan karaa saaqu raggaasise.
Labsichi baankonni biyya alaa dameelee hundeessuu, waajjira bakka bu’aa banuu, ykn baankota biyya keessa jiran irratti aksiyoona bitachuun gabaa Itoophiyaa keessa akka seenan kan hayyamudha.
Haa ta’u malee, invastaroota tarsiimowaa biyya alaa baankii biyya keessaa kamiyyuu keessatti abbaa qabeenyummaan isaanii 40% caaluu akka hin qabne ni daangeessa. Invastaroota biyya alaa tarsiimowaa hin taane ammoo qooda dabalataa 7 – 10% akka qabaatan hayyama.
Labsiin haaraan kanaan baankii biyya keessaa keessatti gaheen lammiilee biyya alaa fi dhaabbilee Itoophiyaa lammiilee biyya alaatiin qabaman %49 qofaan akka daangeffamus tumameera. Gaheen hafe abbummaa lammiilee Itoophiyaa jala turuun dirqama.
Dabalataanis labsichi baankonni biyya alaa lammiilee biyya alaa akka hoji gaggeessitoota olaanoo gochuun akka qacaran kan hayyama. Ta’us namoota Itoophiyaa keessa jiraatan boordii isaanii keessatti akka hammataman kan gaafatu ta’uu ibsameera.
Labsiin kun kan ragga’e Manni Maree Ministirootaa wixinee labsii hojii baankii raggaasisee gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti erga dabarse ji’a jaha boodadha.
Ji’a Waxabajjii bara 2023 keessa mootummaan tarsiimoo damee tajaajila faayinaansii dorgommii biyya alaatiif banuuf taasifamu keessaa tokko kan ta’e waggoota shanii keessatti invastaroota biyya alaatif hayyama baankii hanga shanii kennuuf karoorsuu beeksisee ture.
Manni Maree Ministirootaa imaammata Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaan damicha invastaroota biyya alaatiif banuuf dhihaate erga raggaasise booda baankonni biyya alaa gara indaastirii baankii biyyattiitti galuun mata duree marii guddaa ta’ee jira.
Dameen baankii Itoophiyaa waggootaaf dhaabbilee faayinaansii biyya keessaan qabamee ture invastaroota biyya alaatif banamuun isaa jijjiirama guddaa agarsiisa.
Haa ta’u malee, miseensonni paarlaamaa tokko tokko dameen kun dorgommii biyya alaatiif bilisa gochuun qormaata akka fidu cimsanii dubbataniiru.
Miseensi Paartii Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Dassaalanyi Caannee, “mootummaan baankota dhuunfaa gabaa keessatti dorgomaa akka ta’aniif deeggarsa gahaa waan kennaa jiru natti hin fakkaatu,” jedhan.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Mihratuu gama isaaniin, yeroo ammaa baankonni Itoophiyaa sadarkaa gaariirra akka argaman dubbataniiru. ”Haa ta’u malee, baankonni tokko tokko rakkoo hin qaban jechuu miti. Garuu rakkoon kun to’annoo baankii giddugaleessaa jala jira jennee amanna” jedhan.
Yeroo ammaa kana baankonni 32 biyyattii keessatti kan argaman yoo ta’u, kaappitaalli isaanii waliigalaan Birrii biiliyoona 290 (doolaara biiliyoona 2.4) ta’a.
Itoophiyaa keessatti baankonni daldalaa baay’ina qabeenya isaanii irratti hundaa’uun garee sadiitti ramadamu: guddaa, giddu galeessaa fi xiqqaa.
Kanneen keessaa Baankiin Daldalaa Itoophiyaa qofatu baankii guddaa ta’ee ramadame. Kaappitaala waliigalaa sirna baankii keessaa qoodni qabu yeroo ammaa %21.5 yoo ta’u, birrii biiliyoona 62.5 ta’a.
Awaqsh, Abisiniyaa, Daashin, Hibrat, fi Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa dabalatee baankonni shan baankota giddu galeessaa jedhamanii ramadamu. Baankonni 25 hafan ammoo baankota xixiqqaa jedhamanii ramadamaniiru. AS