ODUUSIYAASA

Paarlaamaan labsii qabeenya deebisiisuu hanga waggaa 10 duubatti deebi’ee hojjetu raggaasise

Finfinnee, Amajjii 09/2025 – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuu raggaasiseera.

Labsichi jalqaba ji’a Waxabajjii bara 2024 mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u, dabalataan akka ilaalamuuf gara Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaatti ergamee ture.

Labsiin har’a Amajjii 09, 2025 raggaasifame kun mootummaan qabeenya madda isaanii hin ibsamne akka to’atuufi deebisiisuuf aangoo kenna.

“Kaayyoon labsichaa inni jalqabaa qabeenyawwan yakkoota galii argamsiisan hunda ilaallatan deebisiisuuf bu’uuraalee seeraa bal’aa diriirsuudha,” jedha labsichi.

Seerri haaraan kun qabeenya qabatamaa fi hin qabatamne irratti duubatti deebi’uudhaan kan xiyyeeffate yoo ta’u, liqii baankii, aksiyoonaa, boondii fi qabiinsa dinagdeen faayidaa qaban biroo dabalatee qabeenya bal’aa ilaallata.

Akkaataa labsii kanaan qabeenyi karaa hin ibsamneen argamu bu’uura seeraa yakkaa fi farra malaammaltummaa jalatti ni ilaalama.

Labsichi qabeenya tilmaani isaanii Birrii miiliyoona 10 ol ta’aniifi waggoota kurnan darban keessatti argaman ilaalchisee, “Qabeenya hin ibsamne irratti gaaffiin qabeenya deebisiisuu mana murtiitti dhiyaachuu ni danda’a” jechuun tuma. 

Kana malees, qabeenyi sun gara biraatti dabarfamuu danda’a ykn gatii dinagdee isaa hir’achuu akka danda’u amantaan madaalawaa yoo jiraate, mootummaan dursee hayyama mana murtii malee guyyoota hojii sadiif ajaja dhorkuu akka kennu labsichi aangoo ni kenna.

Manni marichi walgahii har’a gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuun alatti labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa irratti mari’achuun sagalee caalmaan raggaaseera.

Gatii gurgurtaa mootummaan kaa’een ala oomisha boba’aa daldaluu, akkasumas oomishaalee boba’aa wantoota badaa waliin walitti makuun hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 5 fi maallaqa birrii kuma 300 hanga kuma 500 akka adabsiisu labsicha keessa eerameera.

Akkasumas namni oomishaalee boba’aa bakka hayyamameen alatti kuuse, bakka fi sirna daldalaa itti gurguramuu qabun alatti gurgure, ykn meeshaa balaa qaba jedhameen kan gurgure kamiyyuu qabeenya boba’aa irraa dhaalamuun hidhaa waggaa 3 hin caalleeni fi adabbii birrii kuma 350 hanga kuma 500 ni adabama. AS

Related Articles

Back to top button