
Finfinnee, Guraandhala 03/2025 – Guyyoota sadan darbaniif yaa’ii isaa lammaffaa gaggeessaa kan ture paartiin biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa pireezidaantii fi itti aantota waggoota dhufaniif paarticha gaggeessan, akkasumas miseensota koree hoji raawwachiiftuu 45 filachuun xumureera.
Haaluma kanaan paartichi erga hundeeffame kaasee waggoota shanan darbaniif pireezidaantummaan gaggeessaa kan turan Ministira Muummee Abiy Ahimad irra deebiin pireezidaantii paartichaa ta’uun filatamaniiru.
Akkasumas Ministira Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunee fi Obbo Adam Faaraah Pireezidaantota Ittaanaa paartichaa ta’uun filamuu isaanii paartichi beeksiseera.
Gama biraatin paartichi yaa’ii guyyoota sadiif mata duree ‘Waadaa hanga Aadeffannaatti’ jedhuun taa’een naannolee biyyattii hundarraa miseensota koree hoji raawwachiiftuu 45 filateera.
Kanneen Oromiyaa bakka bu’uun miseensota koree hojii raawwachiiftuu ta’anii tajaajilan Abiyyi Ahimad (PhD), Shimallis Abdiisaa, Awwaluu Abdii, Fiqaaduu Tasammaa, Adaanach Abeebee, Caaltuu Saanii, Saadaat Nashaa, Tashoomaa Adunyaa (PhD), Kaffaaloo Tafarraa fi Iyyoob Takkaaliny (PhD) ta’uu eerameera.
Akkasumas naannoo Amaaraa irraa Tamasgeen Xurunee fi Araggaa Kabbadaa dabalatee namoota 8, naannoo Somaalee irraa Aadam Faaraah fi Musxafee Mohaammad dabalatee namoota 4, naannoo Tigraay irraa Abrahaam Balaay fi Taazeer G/Igzaabiheer kanneen filataman keessaa argamu.
Dhuma irratti yaa’ichi ibsa ejjennoo abbaa qabxii 8 baafachuun xumurameera.
Qabxiilee kanneen keessaa; “hojiilee misoomaa hunda galeessi hawaasa hirmaachise caalmaatti cimee itti fufu, bilisummaan miidiyaa akka kabajamu akkasumas, qaamolee ergama diigumsaa qabanirratti murannoon qabsaa’uu” kan jedhan akka argaman odeeffannoo paarticha irraa argame ni mul’isa.
Kana malees, tattaaffiwwan faayidaa Itoophiyaa kabachiisuuf eegalaman cimanii itti fufuu fi nageenyaaf dursa kennuufi walitti bu’iinsa hambisuuf hoggantoonnifi miseensonni paartichaa hundi akka hojjetan kallattii kaa’amuu ibsameera. AS