DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Paartiin Saalsaay Wayyaanee adeemsa buqqaatota Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisu irratti yaaddoo akka qabu ibse 

Finfinnee, Adoolessa 16/2024 – Paartiin mormituu naannoo Tigraay keessa socho’u Salsaay Wayyaanee Tigraay ibsa baaseen adeemsi buqqaatota Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuu “shakkiidhaan kan haguugame” ta’uu ibse.  

Paartichi ibsa isaatin qaamolee “humnoota weeraraa” jedhe waamu ibsa tibbana baasan adeemsa nagaa irratti danqaa uumaa jira jedhe.  

Paartichi waqtii gannaa galuu walqabatee “rooba cimaa fi lolaa mudatu keessa dhalattoonni Tigraay miliyoonaan lakkaawwaman kaampii buqqaatota keessatti haala hamaa keessa jiru” jedhe. Bulchiinsi Lixa Tigraay yeroo ammaa jiru, kan paartichi “seeraan ala” jechuun ibse, buqqaatonni nagaan akka deebine danqaa walxaxaa uumuu ibseera.

Ibsi paartichaa kun ibsa Pireezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay Letenaant Janaraal Taaddasaa Warrada Adoolessa 13 gaazexeessitootaaf kennan hordofeeti. Letenaant Jeneraal Taaddasaan ibsa kennaniin, adeemsi namoota Lixa Tigraay irraa buqqa’an gara qe’ee isaanii deebisuu haala gaariirra jiraachuu dubbataniiru.

Haata’u malee, buqqaatota deebisuu irratti harkifannaa kan mudate naannoo Lixa Tigraay keessa qubsitoonni haaraa fi gareewwan hidhatan jiraachuu isaanii irraa kan ka’e ta’uus hubachiisaniiru. Gama naannoo Tigraay irraa qophiin kan jiru ta’uus, gama Amaaraatiin “hojii hin xumuramne” jiraachuu kaasan. 

Ibsi paartii Saalsaay Wayyaanee haala baqattoota Tigraay Sudaan keessa jiran kan kaase yoo ta’u, buqqaatonni kunniin haala rakkisaa keessa kan argaman ta’uu ibseera. 

Paartichi, mootummaan buqqaatonni Tigraay gara qe’ee isaanitti akka deebi’an haalli akka mijeessuu fi “akka heera mootummaatti bulchiinsi Tigraay seera qabeessaa” akka hundeessu hawaasni idil addunyaa dhiibbaa akka godhan waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button