ODUUSIYAASA

Oduu: Pireezidaantiin Turkii mootummoota Itoophiyaafi Somaaliyaa waiin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 12, 2024 – Pireezidaantiin Turkii Rasiib Xayiib Erdoogaan MM Abiy Ahmad (PhD) waliin dhimmoota nageenya naannoorrattiifi waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti uumameerratti bilbilaan mari’achuun gabaafameera. 

Waldhabdee jiru furuuf “Itoophiyaan tarkaanfiiwwan tokkummaafi walabummaa Somaaliyaarratti sodaa uume furuu danda’an yoo fudhate rakkoo jiru furuuf karaa bana,” jechuun Erdogaan dubbachuu odeffannoon biiroo pireezidaantchaa baase beeksiseera. 

Akkasumas, ibsi gabaabaan biiroon MM Itoophiyaa baase akka  agarsiisutti, MM Abiy pireezidaantii Turkii waliin Hagayya 04, 2016 ALI dhimmoota nageenya naannoofi daldala biyyoota lamaan gidduu guddiisuurratti mari’ataniiru. 

Ministeeronni dhimma alaa Itoophiyaafi somaaliyaa rakkoo jiru furuuf marii marsaa lammaffaa ni egalu. 

MM Itoophyaa Abiiy, gamasaatiin, Itoophiyaan biyya uummata miliyoona 120 qabdu waan taateef ulaa galaanaa argachuu akka qabdu xiyyeeffannoon eeruun ibsameera. 

Waldhabdee uumame karaa nagaatiin furuuf gaggeessitoonni biyyoota lameenii Turkii Ankaaraatti guyyaa har’aa marii eegalu jedhame. 

Ministeerri dhimma alaa Turkii Haakaan Fiidaan kanaan dura gara Itoophiyaa imaluun MM Abiy waliin “gadi fageenyaan mar’achuu” beeksisee ture. Biyyoota lamaan gidduutti mariin marsaa lammaffaa akka eegalamu ibsee ture. 

Itoophiyaan “tokkumaafi walabummaa siyaasaa Somaaliyaa yoo kabajje” waldhabdeen jiru ni furama jechuu Rooytars gabaaasee ture. AS 

Related Articles

Back to top button