
Finfinnee, Muddee 16/2024 – Torban darbe dureewwan Itoophiyaa fi Somaaliyaa Ankaaraatti mariisisanii kan araarsan Pirezidaantiin Turkiyee Rasip Xayip Erdohaan, baatii Amajjii ykn Guraandhala 2025 keessa Itoophiyaa fi Somaaliyaa daawwachuuf karoorfachuu isaanii beeksisan.
Miidiyaan Anaadoluu akka gabaasetti, Erdohaan haasawa taasisaniin waliigaltichi kan mallatteeffame “marii sa’aatii torba fudhate” booda ta’uu ibsaniiru. “Tumsa isaaniin waliigaltee mallatteessinee hojii kana xumurre,” jedhan.
Itti dabaluudhaan, “yoo Waaqni jedhe waggaa dhufu ji’oota lamaan jalqabaa keessa Itoophiyaa fi Somaaliyaa daawwadheen tarkaanfii kana addunyaaf nan beeksisa” jedhan.
Akkaataa ‘Waliigaltee Ankaaraa’ Muddee 11, 2024 marii haala mijeessummaa Pirezidaantii Turkiyee Rasiip Tayip Erdohaaniin Ankaaraatti gaggeeffame hordofee mallattaa’een biyyoonni lamaan birmadummaa fi tokkummaa daangaa walii kabajuuf waliigalaniiru.
Waliigalteen mallatteessan, “garaagarummaa fi dhimmoota falmisiisaa ta’an dhiisuuf waliigalleerra” jechuun biyyoonni lamaan badhaadhina waloof tumsaan akka hojjetan waliigaluu isaanii ibsa.
Kana malees, akkaataa waliigaltee kanaan haala tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabajeen, Itoophiyaan ulaa galaanaa kan argattu ta’a.
Pireezidant Erdohaan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin ”hiriiroo addaa” qabaachuu isaanii eeruun, kunis marii kanaaf haala mijeesse jedhan. Akkasumas Turkiyeen biyyoota lamaaf deeggarsa akka taasiftu ibsaniiru.
“[Somaaliyaa keessatti] invastimantii hojjenne. Invastimantiiwwan sana cinaatti dhaabbilee shororkeessummaa Somaaliyaa keessatti argaman irrattis tarkaanfii fudhanneerra. Itoophiyaafis deeggarsa dinagdee fi ittisaa irratti waan dandeenyu hunda gooneerra.”
Waliigalteewwan gam-lamee haala Itoophiyaan karaa Somaaliyaatin ulaa galaanaa itti argattu ilaallatan xumuruu dabalatee mariin teeknikaa Guraandhala 2025tti eegalamee ji’oota afur keessatti xumuramu akka jiraatu waliigalticha irratti eerameera.
Waliigaltichi gumaacha loltoonni Itoophiyaa Ergama Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa keessatti taasisaniif beekamtii kenneera. “Somaaliyaan wareegama loltoonni Itoophiyaa kaffalaniif beekamtii kenniti,” kan jedhu waliigaltichi, gadi fageenya walta’iinsa isaanis cimaa ta’uu ibse.
Jalqaba bara kanaa Itoophiyaan naannoo Somaaliyaa irraa adda baatee of bulchuu labsite Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa malleessuu hordofee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu waldhabdeen uumamuu ni yaadatama.
Waliigaltichi Ameerikaa, Yunaayitid Kinidam fi Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoota fi dhaabbileen garagaraan dinqisiifatameera. AS