ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Pirezidaantiin Masrii gaggeessitoota Eertiraa fi Somaaliyaa waliin ‘marii gam-sadee gaggeessuuf’ Asmaraa galan

 Finfinnee, Onkoloolessa 10/2024 – Pirezidaantii Masrii Abdal Fattaah al-Siisiin, pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii fi pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin marii gam-sadee gaggeessuuf har’a ganama Asmaraa galuu gabaafame. 

Pirezidaant al-Siisii ​​fi jila isaanii kan Ministira Nageenya Biyyaalessaa, Hogganaa Kaabinee Pirezidaantii, fi Ministira Dhimma Alaa biyyattii of keessa qabate Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Asmaraa wayita gahan Pirezidaant Isaayyaas Afawarqiin simatamaniiru. 

Haaluma walfakkaatuun, pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kaleessa Onkoloolessa 09, 2024 daawwannaa hojii guyyoota sadiif Asmaraa galuun pirezidaant Isaayyaas Afawarqii waliin dhimma ‘birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa’ irratti mari’ataniiru.

Pirezidaant Abdal Fattaah al-Siisii gama isaaniin daawwannaa gara Asmaraa taasisaniin pirezidaantii Eertiraa waliin haala walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuun danda’amu fi dhimmoota waloo biroo irratti kan mari’atan ta’uu Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yamaana G/Masqal fuula X isaanirratti ibsaniiru. 

Kana malees gaggeessitoonni Masrii, Somaaliyaa fi Eertiraa haala hariiroo biyyoota sadan gidduu jiru cimsuun danda’amu fi dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti akka mari’atan ibsameera. 

Mariin kun kan gaggeeffame waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu jalqaba bara 2024 mallatteeffame hordofee Gaanfa Afrikaatti muddamni yeroo dabalaa dhufeettidha. 

Dhuma baatii Hagayyaa darbetti xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 lama meeshaa waraanaa gurguddaa fe’anii Moqaadishoo gahuu isaanii hordofee muddamni kun daran dabaleera. 

Si’a lammataaf dooniin fe’umsa waraanaa Masrii Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi misaa’elii farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii Moqaadishoo gaheera.

Adeemsi meeshaalee waraanaa fi loltoota gara Moqaadishoo geessuu kun qaama adeemsa humnoota Masrii 10,000 ta’an Somaaliyaatti bobbaasuuf karoorfame keessaa tokko ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button